“”MIRRIIYSAA””

Abdulbasix(Saphaloo) Kadiir’in.

”’Eeee……eeeeee……..”’
Amma dhagayii
dhageeyfadhu,
Guurii gurraa fudhadhu….

Gaangeen hin saggaartuu,
Yoo bulloo taate malee,
Simbirroon loon hin
nyaattu
Yoo cirrii taate malee
Tiitichii hin deeymuu,
Kanniissa taatuu malee.
Dubartiin ya’iin dheeyxu
yoo leelloo taate malee’
Hayyuun shilimiin qabu
Dhamaayyuu taatu
malee…..

”’eeee…………”””’
Leenca gammaan qabanii
Nama nyaataaf dhabanii’
Arba oloon dheeysanii
Nama reebaaf dhabanii
Gaangee cancalli cite
Tani fuuloon ciccite
Mogolee maa sakaalani,
Looni abbaan tiiysu hateef
Gosa maaliif yaamanii,
Jiraa maa sigaalani…..

”’Eeeeee………..””’
Eegeen gaala conqollee,
Abbaan if dhaadun tolle”
Hilinxoo hiddaa qabe,
Hidda jabeenyaa qabe,
Holqa qiiqqee dhagaa,
Ani ulee dadhabee,
Doqni ooyloo dammeeyxe,
Ani reebee dadhabee,
Jeeyni qeerensa aaree,
qabbaneessuu dadhabee,
Arjaan galaana yaa’uu
Ani hidhee dadhabee
Akka ilmoo bineensaa,
An tutuqaa dadhabee,
Akka yuusaa waraboo
yaa saba koo…..
Waatu sarbaa na qabee,
Akka madaa cinaachaa,
Ittiin rafuu dadhabee..

”””’eeeeeeeee…….””’
Gaara gaaraan yaamani
Laga lagaan yaamani
Dheeratee gabaabbatus
Ilma abbaan yaamani
Jerjeraaf hin kumanii
Hannaan hin duroomanii
Qabeenyuma abbaa qabu,
Irrattii maa wal yaamanii,
Horii abbaan hin qabne
sehan walle,
Saylanii sabbataan…..
Maa irratti wal afeeranii,
Coraa koo affeelani………

””’Eeeee……. eeeeeee……””
Akkanaan jechuu beeka,
Qiciiccaa lammii tiyya..
Waani naan jettuun eegaa.

Sadaasa 2009
kombolcha,Oromiyaa.

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Afaan oromoo, Asoosama. Bookmark the permalink.

1 Response to “”MIRRIIYSAA””

  1. ABDULLAY MOHAMMED EBRO says:

    OBBOLEESSA,BARSIISAA,WALOO,QABSAAWAA,JAALATAMAA AKKA DAMMAA
    ABBAA KEEENYA KALEE
    SAAPHALOOTU NUUF GALEE
    ,EESSA DHALOONNI KEE,
    MAAFIIN HIN BARRE ANI HIDDAKEE
    ,OGEESSA AFAAN AANNANII
    KAN EEGGANNU DHALOONNII
    MAALI MAALTU SI FAGEESSEE?
    LAMMII TEETIRRAA ALA TEESSEE

    ABSHIIRAA NI DHUFA GUYYAANII
    KAN ATI GALTU BILISUMMAAANII
    JABAADHUKAA SAAPHOO KOO
    HIN HAFTU AKKATTI RAKKOO
    WARRA OLLAA KEENYAA
    HAA NI GALA XINNEENYAAN.
    ATI HOMAA YAADINII
    GALII KEE DHUGAANII
    GALMI KEES MILKIINII
    GUDDINA AFAANII
    ARGITA JIRUUNII
    (ABDULLAY MOHAMMED,YUUNIVARSITII JIMMAA,DAMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU WAGGAA 3 FFAA IRRAA)

    Like

Leave a comment