WALALOO-HARKA HANNA BARE

Harki hanna baree,
Dooluutu sosso’aa,
Muranillee yoom waa
Adabatee ta’aa,
Akkuma duraan bare
Asif achi roora’aa,
Waan amalaaf baree
Een dhorkuu danda’aa.

Ni wiwixxifata
Hin dhiisu waan aadaa,
Humnaaf dadhabatee
Malee akka yaadaa,
Waan tasa wattafe
Miliysuu barbaadaa,
Duushi tahu illee
Waan funanu gaadaa.

{**@**}
{**@**}

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

Leave a comment