‘AFAAN HAQANQAALA!’

Abdulbasix(Saphaloo)Kadiir’n

Guyyaan kalee dabree
If boodan deebi’uu.
Boruus guyyaa biraa
Kaleen arran ta’uu.
Guyyaa dabre namuu
Deebisuun danda’uu.
Ganna dabreef mana
Ijaarun hin ga’uu.
Bishaan gadoo malee
Oloon dhangala’uu.
Yoo dirqame malee
Gaara oliin ba’uu.

Akkasiti lammii
Tan kutte lakkisaa.
Tan dhuftus karoorsa.
Irree teeysan cimsaa.
Akka booke miti
Tahaa akka kannisaa.
Xiixaa irra marsaa
Diina gugachiisaa.
Afaan haqanqaalaa
Summii liqimsiisaa.x2

Onkololessa,2013
Nairobi,Kenya

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Aadaa Oromoo, Afaan oromoo, Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

4 Responses to ‘AFAAN HAQANQAALA!’

  1. KETEMA BEYU says:

    yyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyyy

    Like

  2. Masha”allah jechii kee heddu nama gammachiisa jabaadhu Abdulbaasit/saphaloo kadirii

    Like

  3. Jabaadhu umrii dheertuun siif hawwa hayyuu Oromoo

    Like

Leave a comment