Seenaa

Seenaa Gababaa Ummata Oromoo.

Abdulbasix(Saphaloo) Kadiir’in

Hiddii dhaloota Oromoo sanyii Kuushi irraa madde.
Oromoon akka Oromummaa isaatti
Kuushota kaan irraa
afaanii fi aadaa isaa
qabatee foxxoqee sochii isaa kaabaa kibbatti adeemsisee ture.
Dhiibbaa adda addaa irraa kan ka’een Oromoon kaabaa
gadi dhiibamaa deeme.
Yeroo dhiibamu kana
immoo kan buqqa’aa fi dhiibamaa deeme
hawaasa hunda otoo hin taane giddu gala amantii, bulchinsaa fi siyaasaati.

Maatii Kuush (Cushitic
Family) warri jedhaman Kuushi kaabaa (Beejjaa), Kuush Giddu galaa
(Agawu), Kuushi bahaa fi Kibbaa gara gammoojii (Affaar, Sumaalee, Saahoo),
gara baddaa immoo,
Oromoo, Burjii fi
Sidaamaatu jira.

Uummaanni kuushi kun naannoo baha fi kaaba bahaa Afrikaa kanatti seenaa jireenyaa waggoottan 8,000 ol qaba jechuun kan heeran akkuma jiran hunda, seenaa waggoottan 15,000 ol ta’e akka qabu kan himanis jiru.
Fakkeenyaaf, toftaa
saayinsii qormaata
firooma afaanii irratti
hundaa’udhan qorataa fi barreessan seenaa
professor Kirstofer Ehret jedhamu Kuush seenaa waggootaa 12,000 hanga 14,000 ga’u akka qabu mirkaneessee jira. Gama biraatin immoo
uummatuma ’Kuush’
jedhamee beekamu kana “Kuushaa” ykn “Kaasaa” kan jedhanii waamanis jiru. Kanas ta’ee sana maddaa maqaa “Kuush” ykn “Kuusaa” ykn “Kaasaa” jedhu ilaalchisee
odeeffannoon jiru akka mul’isutti maqaan “Kaasaa” jedhu kan dhufe
afaan Kuush irraa ta’ee jechoota “Ka” fi “Saa” jedhaman irraa akka ta’eedha.
Akka afaan Kuushitti “Ka” jechuun Waaqa jechuu,“Saa” jechuun immoo ummata
jechuu hogguu ta’u walitti “Kaasaa” ykn “Kuusaa” ykn “Kuush” jechuunis “Ummata Waaqaa” jechuudha jedhama. Haa ta’u malee madda hundee
sanyii Oromoo fi dhaloota Afrikaa durii kan ta’e ummanni Kuush maqaa “Toophiyaa (Aethiops)” jedhamuun waamamaa ture. Maddi isaas “Aetiops”
kan jedhu jecha afaan
Giriikiti. Kanaafuu
Oromoon maatii Kuush keessaa isa tokko ta’ee damee Kuush Bahaati.

Kuushii dameewwan adda addaattii qoodamuu kan jalqabe dhaloota Kiristoos dura bara 5000 durra irraa
eegalee ture.

11 Responses to Seenaa

  1. Maddaa oromoo kush bayyee barnoota irraa argannee

    Like

  2. Falmataa Bilisummaa says:

    Carraaqqii(qabsoon) ati aadaa, afaani fi seenaa keenya guddisuuf itti jirtu guddoo na gammachiise jabaadhu nutis lammiin kee karaa dandeenye hundaan si deeggarra
    fayyaa nuuf ta’i tiruu!

    Like

  3. Keraj says:

    Jabaadha

    Like

  4. tESH says:

    Kanumaan itti fufi!

    Like

  5. martu keeti says:

    ati goota jabaadhu ittinuufufi hanga xumuraatti

    Liked by 1 person

  6. Godana says:

    Jabaadha yaa ilmaan ayyaa

    Like

Leave a comment