KEESSUMMAAN IJA JABEESSI ABBAA MANAATIIN GAD DEEBI’I JATTI!!

(Dubbisaa xumuraa Waliif hiraa ilmaan firaa)

(Saphaloo Kadiir irraa)

#Oromoprotests

image

Waan tahu tokko yeroo baayyee tahuu isaa eega beekne booda maaliif akka tahu beekuun abshaalummaadha. Sababa inni tahuuf beeknaan bu’aafi miidhaa isaa hubattee fala barbaachisu malatta. Keessattuu warri akka keenyaa kan baroota dheeraa gabrummaan sammuu hadoochiteefi bitaa mirga

an diina baayyee qabu kun dammaqinaan waa hubachuu nu barbaachisa. Yeroo ammaa warraaqsa qabsoo diddaa gabrummaa daaddaa hin qabne kan ilmaan oromoo taasisaa jiran kana laamsheessuuf gufuun akka nutti baayyattu beekuun gaariidha. Wayyaaneen qabsoo ilmaan oromoo taasisaa jiran kana garmalee sodaachuu keessa malli harkaa badee akka nama du’aaf sakaraatuutti waanuma godhuufi dhiisu wallaalee tanuma itti fakkaate mara raawwachaa jira.

Adeemsaafi tooftaan siyaasaas waan harkaa bade fakkaata. Duraaniis wayyaaneen malaafi tooftaa siyaasaa tam beeyti? Sammuufi tooftaa Mallas Zeenaawii qofaatu onatti isaan qabee jiraachaa turan malee. Eega inni du’e booda nama awwaalu dhaban malee wayyaaneen guutuun duutuu dha. Amma immoo tarsiimoon isaan ilmaan oromoo irratti dalagaa jiran tan karaa bilisummaatti saffisaan nu geessitu waan taheef hin jibbinu. Inumaatuu benziina ibidda warraaqsa keenyaa belbelaa jiru irratti firfirsuun akka daran wajiijnu kan taasisaa jiran waan taheef galatoomuu qaban jechuun barbaada.

Yeroo gufuun takka nu mudattu malli nu harkaa badee joonja’uu osoo hin taane sammuu qara gufuu labbaa galte san ciqqooynee saffisaan itti if duraa kaafnu qabaachuun dirqama. Keessattuu siyaasaa keessatti adeemsaafi tarkaanfiin dogoggoroota irraa bilisa taate fudhachuun gaarii dha. Siyaasaan ‘game’ dha. Mala itti taphattu beekuun saffisaan moohinsa kee mirkaneessa. Dhimma kana kaasuun kiyya waa malee miti. Mootummaan wayyaanee gaafa Gurraandhala 11, 2016 konkolaatoota lakkoofsi gabatee isaanii ‘ORO’ tahan (konkolaattoota lakkoofsi gabatee isaaniifi hayyamni daldalaa wajjira abbaa taaytaa daandiwwaniifi geejjiba Oromiyaa irraa bafaman) magaaloota oromiyaa irraa gara magaalaa guddittii Finfinnee akka hin seenne agaazii itti ajajuun konkolaachistootaa fi imaltoota araraafaa jiran. Warra mirga isaanii falmatan hedduu hidhanii imaltooti gariin immoo buufamanii gara Finfinnee taaksiidhaan akka seenanii fi baasii dachaaf saaxilaman jiran.

Ilmaan oromoo fi konkolaataan oromoo gara magaalaa guddittii Handhura Oromiyaa, Finfinnee seenuu dhoorkamuu isaanii waliin wal qabatee dhimmoota ijoo maaliif akka godhaniifi ilmaan oromoo immoo maal godhuu akka qaban gabaabsee isiniif dhiheessuun barbaada.

✔ WAYYAANEEN MAALIIF KANA GOOTI?

Eeyyee! Waa malee manni hin aaru jedhanii miti? Wayyaaneen yeroo ammaa konkolaataan lakkoofsa gabatee ‘ORO’ tahe gara finfinnee akka seenne godhuun isii sababoota armaan gadii kanaaf akka tahe hubadhaa.

1) Galii naannoo oromiyaa xiqqeessee tan federaalaa dabaluuf:
Haalli kun karaa lamaan galii argamsiisaaf:

A) Warri konkolaataan isaanii gabatee ‘ORO’ qaban galii gibira qabeenyaa, hayyama daldalaafi geejjiba baasuufi kkf irraa argamu mootummaa naannoo oromiyaatiif galchan. Kanaaf konkolataan lakk. gabatee ‘Oro’ tahe magaalaa guddittii Finfinnee seenuu dhoorkamnaan dirqama lakkoofsa gabatee isaanii gara ‘ETH’ (Ethiopia) fi ‘AA’ (Addis Ababaa) akka jijjiiran taasisuun galiin argamu san Federaalafi bulchiinsa magaalaa Finfinneetiif akka galu godha.

B) Konkolaatoota Oromiyaa irraa gara Finfinnee akka hin seenne wayta dhoorkamanitti yoo tasa seenanii argaman ammoo adabbii seeraa alaa hanga barbaadan adabuun galii saaminsa walitti qabachuun isaan fayyada.

2) Abboottii qabeenyaa oromoo kuffisuuf:
Yeroo ammaa konkolaattoonni baayyeen oromiyaa keessa sossoo’an kan abbootii qabeenya oromoo waan taheef gabateen lakkoofsa isaanii ‘ORO’ dha. Imaltoonni konkolaattoota gabatee Oromiyaa kana qaban yaabbachuun baasii dabalataaf isaan saaxila waan taheef konkolaatoota lakkoofsa gabatee ‘AA’ fi ‘ETH’ qaban yaabbachuuf dirqamu. Gama biraatiin konkolaataa Finfinnee seenee argame hidhuun akka hojii ala tahu taasisuun kufaatii diinagdeef isaan saaxila. Gabaabumatti kun ‘boycott’ mootummaan wayyaanee oromoo irratti fudhachuuf qophaa’eedha.

3) Shakkiifi sodaa guddoo keessa galee waan jiruuf sochii ummataa to’achuuf:
Yeroo ammaa tarkaanfiin  ilmaan oromoo qabeenyaa diinaa irratti fudhachaa jiraniifi warraaqsi godhaa jiran hedduu waan isaan yaaddeesseef namoota Oromiyaa irraa gara Finfinnee seenan (keessattuu namoota naannoo fincillii fi warraaqsi itti finiine irraa gara magaalaa seenan) yeroo konkolaataa ittiin dhufan irraa buufaman sakatta’anii gara magaalaa akka seenan taasisuufi. Yeroo ammaa warraaqsa Oromiyaa keessatti finfiinaa jiruun wal qabatee qeerrooleen tarkaanfii qabeenya diinaa barbadeessuu fudhachuu waan jalqabaniif, akkasuma alaabaan ABO konkolaataa Oromiyaa irraa gara magaalaa Finfinnee seenan irraatti waan mul’achaa jiruuf jarri nu sarde sodaa jattuun weeraramanii baaragaan kana kana godhaa jiran.

Gama biraatiin qabeenyi wayyaaneefi jala fiigdoota isaanii irra caalaan immoo Finfinnee keessatti waan argamuuf ni barbadeessan shakkii jedhuus ni qaban. Kanaafuu namoonni Oromiyaa irraa gara Finfinnee seenan meeshaa garagaraa qabatanii seenuu malu sodaa jettuun dhiphatanii waan jiraniif kana godhan. Gama biraatiin fincilli hanga ammaa Finfinnee keessatti barattoota universitii malee hawaasa keessatti hin qabanne waan taheef yeroo ammaa immoo qabachuu hin oolu shakkii jettu waan qabaniif sodaa guddoon weeraramuu mul’isa.

4) Qalbii ummataa warraaqsa fincilaa irraa gara dhimma biraa jallisuuf:
Yaanni isaa hojii manaa tan biraa itti laatee akka ummanni oromoo dhimma warraaqsaa irraa qalbii garana deebifatu taasisuuf kan godhuu tahuu mala. Garuu hedduu gowwaa dha. Kana godhuun isaa waan qalbii namootaa meeysu osoo hin taane warraaqsa oromoon yeroo ammaa shidaa jirtuuf benziila tahee daran bobeessa. Fincilli kutaa hawaasaa gam tokkeefi barattoota qofatti daangawe geengoo bal’ifatee gara abboottii qabeenyaas akka arraba laatu taasisa waan taheef kana godhuun mootummaa wayyaanee oromoof furmaata guddaa taha.

5) Jibba ilmaan oromootiifi tuffii mootummaa naannoo Oromiyaatiif qaban mul’isuuf:
Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa ummanni oromoo waan mirga isaa falmate qofaaf akkuma mootummoota ammaan duraa jibbuu irraa kan ka’e oromoon qabeenya horachuun hin malle waan jedhu fakkaata. Kana malees yeroo ammaa OPDO dullattii diigee haareya ijaaruu waliin wal qabatee mootummaa naannoo oromiyaa hanguma duraanuu mallattoof (symbol)’f angoo qabdan ja’ee itti fayyadamaa ture sanuu taaytaa maraa laqaaqee irra fudhatee if harkatti galchuu isaa mul’isa.

6)  Tarkaanfiilee qeerroon qabeenya diinaa irratti fudhachaa jirtu haaloo (hijaa) bahuuf:
Akkuma beekkamu ‘SELAM BUS’ fi ‘ETHIO BUS’ dabalatee geejjiboota maqaa garagaraatiin jiru kan lakkoofsa gabatee ‘ETH’ fi ‘AA’ tahan baayyeen kan wayyaaneefi firoota isaanii waan taheef tarkaanfii ‘SELAM BUS’ irratti fudhatame kanneen biraa irrattiis ni fudhatama shakkii jedhuun kana godhaa jiraan fakkaata. Gama tokkoon aarii sanii hijaa ilmaan oromootti bahuu yoo tahu gara biraatiin abboottiin qabeenyaa lakkoofsa gabatee konkolaata isaanii gara ‘ETH’ fi ‘AA’ deebisuun akka geejjiboota isaanii waliin wal fakkaatu taasisuuf yaaluu isaaniiti.

7) Karoorri oromiyaa bakka lama godhuu jalaa fashalooynaan oromoon Finfinnee irraa homaa akka hin qabne mirkaneessuuf:
Akkuma beekkamu mootummaan wayyaanee karoora isaa saaminsa lafaatiif qopheeffateen wal qabatee Oromiyaa bakka lamatti baasee Tigraay jidduutti uumuuf karoorfatee akeekni isaatiis jalaa fashalooynaan ‘Master pilaanii’ godina addaa naannawa Finfinnee yeroof dhiifnuus kan magaalaa Finfinnee ammoo aangoo itti qabna waan taheef hojiirra ni oolfanna dhaadannoo jettu gaazexaa ‘Reporter’ irratti torbee dabre baasuun isaa ni yaadatama. Gabaasichi akka ibsutti Finfinnee keessatti kutaan magaalaa isaan buqqaasuuf itti karoorfatan kutaa bulchiinsa Yakkaa, Araadaa, Gullallee, Laaftoo, Kolfeefi kkf akka tahedha.

(Gabaasa guutuu gaazexaa ethioreporter link kanaan argachuu dandeessan: http://www.ethiopianreporter.com/content/በመልሶ-ማልማት-ፕሮግራም-360-ሔክታር-መሬት-ላይ-የሚገኙ-ነዋሪዎች-ሊነሱ-ነው )

Hubadhaa: Kutaa bulchiisa magaalaa Finfinnee keessa bakki ilmaan oromoo baayyinaan argaman kutaalee isaan buqqaasuuf karoorfatan kana dha. Finfinneen jalqabuma uumama isiirraa ilmaan oromoo moggatti dhiibaa waan turteef akka rifeensa mooluu irraa hafeetti gandoota kanneen keessatti hambaa tahanii hafan. Manneen isaaniis mana dulloomeefi tartiibni isaa shulaaqamee dha. Oromoo magaalaa Finfinnee dhiisii magaalaa xixiqqoo aanaattuu kan galuun hayyamameef dhiheenya. Kanaaf manneen isaan qaban irra baayyeen manneen abboottii lafaatiin ijaaramee ture kan gaafa Dargii mana araddaa tahe keessa. Ammoo immoo manneen kanneen bareedina magaalichaa balleessa sababa jedhuun hanguma moggatti hafe kanaa haadanii guututti oromoo Finfinnee keessaa qululleeysuuf akka karoorfatan beekuun salphaa dha. (Namtichi gabaasa kana gaazexaa reporteriif laate Tigree qoree baafte kan maqaan isaa Zabiree Yaayyiloom jedhamuufi Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Hoji gaggeessaa ol aanaa Ejensii misooma lafaafi Haaroomsa magaalaa tahuun dhiheenya kana kan shuumameedha.)

Eegaa! Gabaabumatti dhimmoota geejjibaa qofa osoo hin taane sababni jarattii baayyee dha. Haalli waliigala wayyaanee yeroo ammaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jirtu marti kan oromoo kuffisuufi dhabamsiisuu akka tahe hojiileen isaa ragaa guddaadha. Arra geejjibni lakkoofsa gabatee ‘ORO’ Finfinnee hin seenin jechuun isaa oromoon Finfinnee keessaa humaa hin qabdu waan taheef qarqara hin bahinaa jechuu mul’isa. Akkuma arra konkolaataan lakkoofsa gabatee ‘ORO’ qabu hin seenu jedhe boru ammoo Oromoon ‘Passport’ malee xalayaa eenyummaa Oromiyaatiin Finfinnee keessa miilaan ajjechuu hin danda’u jechuuf akka ta’e ifa. “Aduun guyyaa harreen balla” ja’e ja’an gurbaan harree ijaan hin agarre gurguraaf magaalaa baasee. Oromoo gurra isin calaw.

✔ OROMOON MAAL GODHUU QABA?

Osuma lubbuun jirru, kan ijaan agarru keessummaan ija jabeessi yoo manuma keenyatti heera ittiin bulmaataa nuuf baaftee, nu abbaa manaatiin balbalarraa gad deebi’aa jettu waan garaan danda’ee nu ciisu natti hin fakkaatu. “Jarattiin galteen akkana jattii, nuti maal godhuu wayyina?” jannee mala wal gaafachuun keenya dirqama. “Namni akkam taana ja’e akka tahu hin dhabu” ja’a Oromoon duruu. Kanaafuu, yoo Wayyaaneen konkolaatootaa lakkoofsi gabatee isaanii ‘ORO’ ta’e Finfinnee seenuu dhoorkuu kana itti fuftu tahe:

1) Oromiyaaniis konkolaatoota lakkoofsi gabatee isaanii AA (Addis Ababa) fi ETH (Federaala) tahe Oromiyaa keessa akka hin sochoone dhoorkuu qabdi.

2) Mootummaan naannoo Oromiyaa aangoo qabaatee roorroo ilmaan oromoo irratti raawwatamaa jiru hin dhoorku waan taheef, kanaa miti ajjeechaa lubbuutuu hin dhorkine waan taheef eenyu irrattillee osoo hin eegne ilmaan Oromoo gamtaan tarkaanfii barbaachisu mara fudhachuu qaban.

3) Konkolaattoota lakkoofsi gabatee isaanii ‘AA’ fi ‘ETH’ tahan ilmaan oromoo gonkuma yaabbachuu irraa mata galee lagachuu qaban. Tooftaan kun roga lamaan nu fayyada.

I) Ilmaan oromoo tarii kanneen Finfinnee keessa jiraatan yoo tahe malee kan Oromiyaa keessa jiraatan guutuun lakkoofsi gabatee konkolaataan isaanii ‘Oro’ waan qabuuf amba miidhee ilmaan oromoo fayyada.

II) Abbootiin qabeenyaa saba biraa tahaan yeroo nuti geejjiba isaanii laganne haqa keenya yoo duraan hin arkin arkuun, yoo duraan beekaa riphisan ammoo jaalatanii osoo hin taane dirqamanii dammaquun nu waliin falmiif akka hiriiran taasisa.

3) Finfinnee nyaataa dhugaatii nurraa argachaa galata ajaa sagaraa (booylii) nuuf goote tana yeroon beelaan wallatteeysinee, dheebuun gaagaanu amma. Eeyyee! Oromiyaan bishaan qulqulluu Finfinneef dhiheessitee tortoraa mana fincaanii fudhattu, mi’oota dheedhii akka gogaa, kaloofi kkf warshaaf dhiheessitee kemikaala summaa’aan dhiqattu, midhaan nyaataa dhiheessitee sagaraa (booylii) quyyifattu, warqee bilisaan gumaachitee cirracha hammaarrattu kana booda jijjiiramuu qabdi. Kabajaa isiin malu argachuu qabdi Oromiyaan. 

Kanaaf ilmaan oromoo:
A) Midhaan nyaataa, beeyladaa foonii, mi’oota dheedhii fi kkf gabaa baasanii gurgurachuu lagachuun akka alagoonni Finfinnee keessatti gooban kun udaan Oromiyaan ajeessaa jiran kana akka nyaatan taasisuu.

B) Ujummoo bishaanii Oromiyaa irraa gara magaalaa Finfinnee seenu kutuun akka isaan dheebuun halawatanii hafuurri gurraan yaa’u godhuu,

C) Balfaafi xuraawaa Finfinnee bahee Oromiyaa keessatti gatamu dhoorguun akka ajaaf Finfinnee keessa namni danda’ee hin teenye taasisuu,

D) Meeshaalee gurgurtaaf gara magaalattii seenan irratti keellaa dhaabanii gibira irratti dabaluun akka wayyaaneen gaafa feete shukkara ibidda nutti gootu sanitti jiraattoota Finfinnee kan duruu qaala’uu (mi’aawuu) barbareetiifuu iyyeensa gurra qabatu san akka daranuu jilbaan daaddee deeman godhuun Oromiyaafi Oromoon kabajaa isaaniin malu gonfachiisuun ni danda’ama.

4) Abboottiin qabeenyaa oromoo fi ummanni Oromoo idil sagalee takkaan fincila finiinsuu qabu.
“Ollaa hamaan meeshaa si horsiisa” jedha oromoon. Maaliif jennaan meeshaa ergisuu didaa hoggaas ollaan aaraan bitata kaa. Eeyyee mootummaan wayyaanees roga hunda nu tuttuquun isaa qaanqee shiraa namuurra firfirsuun imala bilisummaa dhiheessa waan taheef. Kanaaf tooftaan amma ummanni Oromoo itti fayyadamuu qabu Hojjataa, qotee bulaa, abbaa qabeenyaa, barataa, maraataa, rakkataa, gabbataa…. osoo hin janne hojii lagachuun irree takkaan diddaa agarsiisuu qabu. Gariin keessan kan wayyaaneen onnee Oromummaa keessaa fuutee onnee hantuutaa keessa keeyse “Nuti mootummaa kana harka jirraa kun akkamitti taha?” jettanii akka hiraariin garnyanyoottan niin hubadha. Garuu Oromiyaan amma irratti miidhamaa jirtu harka alagaa jalaa baanaan jireenyi goda ibiddaa sitti tahe kun gaafas caffee jannataa akka siif tahu hin dagatin, hin ahakkiniis.

5) Abbootii qabeenyaas tahee qonnaan bultoonni keenya galii gibira lafaa, gibira daldalaafi galii tooftaa garagaraatiin mootummaa kanaaf galu mara kafaluu diduun alagaa numarraa nyaattee quuftee nu nyaattu tana umrii isii gabaabsuun guyyaa aaraa darsa marachiifnee akka if keessaa baasuu dandeenyu hubadhaa.

Eegaa kabajamtoota ilmaan Oromoo tarkaanfiilee armaan oliifi kanneen biroo kan galma nuti barbaannutti nu baasuu danda’u maratti fayyadamuun keessummaa ija jabeessa abbaa manaatiin ‘miiluma dhufteen balbalarraa gad deebi’i’ jettu tana yeroon firraa gaggeessuun nagaya keenyaa waaraa arkachuu dandeenyu amma waan taheef ilmaan oromoo marti dirqama keenya bahuu qabnaan dhaamsa kooti. ‘Kutataan kutaa hin kajeelu’ Barruu koo xumure. Nagayatti!!

Injifannoon tan ummata Oromooti!!

[ #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit ]
Gurraandhala, 2016

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s