♨ *QABEENYI OROMIYAA KANUMA OROMOOTI, HIN TAHU KAN ORMAA!!

     [Kutaa 1ffaa]

(Share godhuun waliif dabarsaa)

(Saphaloo Kadiir irraa)

#Oromoprotests

Barruu torbee dabre keessatti sababa ligiduu fincilichaafi fala taha jedhee kaniin yaade isiniif dhiheessuun kiyya ni yaadatama. Eeyyee! Akkumaan jechaa ture fincilli sababa motora warraaqsa kanaa kan tahan barattoonni dhaabbiilee barnoota ol aanoo akka qoruumsa fudhatan waan taasifamaniif xiqqo ligiduu isaa, Yeroo barattoonni kanneen boqonnaaf hawaasa keessa faca’an fincilichi daran finiinee haareyatti kan dhoo’u tahuus tuqeen ture. Akkumatti fincilli yeroo ammaa haareyatti qabatee finiinaa jira. Garuu guutuu oromiyaa osoo hin tahin iddoolee takka takka qofatti kan finiine tahee iddoo gariitti qabbanaa’ee mul’ata. Haalli kun xiqqo buburraa’uufi hadarraaqa’uu warraaqsichaa mul’isuus garuu ammallee humni isaa kan nama dinqisiisuu dha. Marsaan fincila amma shidamaa jiruu kun osoo kutaa maratti bifa wal fakkaataan kan boba’u tahee dhugumatti fincila daaddaan qabne, kan injifannoo danuun faayameefi galmi isaas bilisummaa tahuun isaa shakkiin qabu.

Daandiin fincilichi irra deemaa dhufe hanga duraanuu sirrii amma daran kallattii sirrii, daandii uugaa qabatee gara galma bilisummaa gulufaa jiraachuu kan nutti mul’isan akeektuu baayyeetu jira. Fincilli duraan ture diddaa saaminsa lafaa irratti xiyyeeffate fakkaatu amma immoo lafaafi waan lafa san gubbaafi keessas jiru falmachuus dabalatee jira. Fakkeenyaaf, hameessa albudaa tan taate Gujiitti ummanni keenya saamicha warqee lafa oromoo kan waggaa baayyee abbaa qabeenya wayyaanee Mohammad Alii Alaamuddiiniin saamamaa ture afaan guutuun kana booda hin saamamnu, hin hatamnu, hin sobamnu jechuu danda’anii jiru. Abbaan qabeenyummaaf itti yaamamu Alaamuddiiniin haa yaamamuu malee saamichi albudaa oromiyaa wayyaaneen kan raawwatamaa jiruudha. Alaamuddiin jechuun wayyaanee jechuu dha. Kan qabeenyi isaa oromoo ajjeessuuf, ukkaamsuuf, reebuu qofaaf oolu akka tahe hubachuun gaariidha. Warqeen Saakarroo fi shakkisoo (laga dambii) faan isa hanqatee ammallee iddoolee kuufama albudaa baayyeef ija dhiibaa kan jiru abbaan qabeenya bololaan kun, yeroo ammaa kuufama albudaa warqee guddaa qabaachuu qorannoon tan beekkamte naannoo Okkotee jedhamtu if harka galfachuuf wixxifachaa jira. Sabboontoonni, gootoonni oromoo ilmaan Gujii babal’ifannaa lafa kuufama albudaa oromiyaa mara dhunfachuuf quba irbuu isaa kan hubatan irrumatti dhumna malee dabarsinee hin laannu jechuun diddaa isaanii cimsanii jiru. Kan tahuu qabuus kanuma.

Gujiin kan saamamaa turte albuda qofaa miti. Lafti isaanii albudaa warqeef qotamti. Warqee mala aadaatiin funaanan illee akka hin hojjanne sababuma Alaamuddiiniif dhoorkamanii saamamaa turan. Sanirra dabree ammoo tokkoon tokkoon ilmaan oromoo naannawa Gujii warqee liqimse jechuun garaa isaanii baqeeffamaa turan. Namtichi albuda oromiyaa irraa badhaadhaa jiru kun ammoo baroota kana mara bu’aan inni oromoo Gujiitiif buuse hin jiru. Waardiyaa kaampaanii isaallee godhee osoo nama tokko hin ramadin turuu daran, yeroo garagaraa wa’ada dhara gurguddaa ummata kanaaf seenaa ture. Wa’ada sobaa kana tokko dhiisii walakkaa isaallee hojiirra hin oolchine. Wayta lafa kuufama albudaa kana ummata harkaa baasu mana barnootaa sadarkaa eeggateen isiniif ijaara, daandii magaalaa gurguddotti fullaatuun isiniif hojjadha, tajaajila hawaasummaatiif qarshii hanganaan gumaacha, bishaan dhufaatii qulqulluun isiniif ijqara….. je’ee soba hangafa akka sareetti dutaa. Hawaasni Gujii naannoo warqeen badhaate kan waggatti toonii 14 ol warqee irraa oomishu bishaan qulqulluu illee osoo hin argatin hanga arraa rakkachaa jiran. Silaa xiqqo kan yaadu tahee bakka qabeenya danuu irraa horatan dhiisii bakki hiraata halkan tokkoo irraa nyaatanuu kabajaaf galata qabdi ture. Nuti garuu albudni keenya hanga arraa miidhaa dachaa nu miidhuu malee nu fayyadee hin beeku. Kana booda ammoo qabeenyi oromiyaa oromoo hadhaadhiyyuu malee miidhuufi dararuun goolabamuu qaba. Guutuu oromiyaa irratti ilmaan oromoo miidhamaa jiraachuun gahuu qaba.

Ilmaan oromoo lafa isaanii irratti jiraachuu dadhabanii, rasaasa diinaa kan qabeenyi oromiyaa irraa argamu bituun ajjeefaman, kutii lafa awwaalchaas dhabuun bineensa nyaachifamuun isaaf gahuu qaba. Sabni oromoo guutuu oromiyaa irratti gadigalummaan jiraachaa turan kana booda dhiiga isaanii dhangalaasanii, lafee isaanii cabsanii, lubbuu isaanii dabarsanii akkuma gootota kaleessaa daangaa isii mirkaneessuu qofa osoo hin taane bilisummaa oromoofi walabummaa oromiyaa mirkaneessuu qaban. Oromiyaan alagaaf jannata tan ilmaan isiitiif azaaba tun qabsoo humna takkaan kaatu qofaan alagaaf azaaba oromoof jannata tahuu dandeessi. Eeyyee! Ilmaan Oromoo yoo humna takkaan warraaqsaaf ka’an qofa qe’ee abbaa isaatti qabeenya isaarraa hoonga’ee dhoortoo kadhachaa jiraachuu irraa baha. Kanaaf gabrummaan nuuf gahe jechuu danda’uu qabna.

Gabrummaan waliif lamaa, gadigalummaa hamtuun dhageettiif illee hin tolle tun xumuramuu qabdi. Waa lama callaa, takkaa guutumatti dhumnee qabritti galuu, ykn ammoo bilisummaa dhugaan oromiyaa dhaaluu. Kana lamaan achi kunnaan saree saree gadii taanee biyyuma teenya irratti haala kanaan duraa irra hamaa keessa jiraachuun keenya waan if mure. Qabsoon imalaa jirtu tun galma bilisummaa seenuu baannaan gabrummaa hamtuu daran nu dhidhimsitu keessatti ifuma keenyaaf kufuu keenya beekuu qabna. Oromoon marti kana tahuu gad fageessee beeka, kanaaf cimanii, if kennanii, lubbuu takkittii irraa ka’anii qabsaa’aa jiru. Qabsoon kun ammoo bittinaa’ee, bottolaa’ee karatti citu osoo hin taane kan daran shidameu tahuu qaba.

Oromiyaa badhaatuu haadha albudaa, burqaa ziqayaaf meetaa, haadha gaarraniif raarootaa, tan irri midhaanii jalli bishaanii, magariituu akaakuu midhaanii kuma biqilchitu, tan bosonni isii mukkeen sanyii kitilaa, biyyee gabattuu waliin rabbiitu nu badhaase. Kennaan rabbiin oromoof laate kanuma oromooti malee gonkuma hin tahu kan ormaa. Kana dura kan saamamne nu gaha. Kana dura kan irratti ajjeefamne nu gaha. Badhaadhina oromiyaa kanaan dura miidhaafi gidiraa irraa shammaduu malee humaa nun fayyadin kun, badhaadhina ijaan arguu, gurraa dhagayuufi afaaniin faarsuu gara irraa fayyadamuutti jijjiiruun furmaata fala biraa hin qabnee dha. Hanga bu’aan oromiyaa oromoo qofaaf tahutti tarkaanfachuun dirqama. Oromiyaan Xoophiyaa humnaan ijaaramte keessatti gaadi’amtee alagaaf conamaa jirtu muchi ambaaf cophu kun gu’uu qaba. Daangaan isii dhiiga goototaan sararame kan alagaan cicciree uunkaa dhabsiise, boca oromiyummaa dhoorke tana diignee Oromiyaa dhugaa isii ganamaa san haareyatti dhiiga ilmaan sabaatiin ijaaruun dirqama. Kana godhuuf ammoo qabsoo hadhooytuun ciniinnannee diina bara dhufaa dabraa nu saamu, kan nun saaminaa jannu nu ajjeessee awwaala nuuf waakkatu kana fonqolchinee gatuu nurra jiraata.

Qabeenyi oromiyaa kanuma oromooti, hin tahu kan ormaa!

            ITTI FUFA••••

[ #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit ]
Gurraandhala, 2016

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa and tagged . Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s