GOSOOTA AADAA WAL GARGAARSA SABA OROMOO. Kutaa 2ffaa

=Kutaa 2ffaa=

Barreessaa:- Saphaloo Kadiir/Abdulbasit

Dubbistoota keenya kabajaamoo, aadaa wal gargaarsa baha oromiyaa gama harargeetti beekkaman keessaa hanga tokko kutaa 1ffaa keessatti guuzaa/jigii fi dimisha isiniif dhiheessinee turun keenya ni yaadatama. Arra ammoo kutaa 2ffaa isaa qabannee isiniif dhihaannee jirraa itti dhihaadhaa. Dubbisa gaarii.

(3). Faraqee/marroo/:-
Aadaan wal gargaarsaa kun akkaata walitti dhiheenya nama lamaa fi lamaa oliin humnaan yookaan qabeenyaan marrotti/tartiibaan/ itti wal gargaaranii dha. Warra dhiiraas tahee warri dubartii marroo/faraqee/ tana walitti seenuu dandahuu. Warri dhiiraa humna isaaniitin walitti dhufuun yookaan qotiyyoo/diboota/ walitti hidhachuun tartiibaan hojii isaanii irratti wal gargaaru.

Warri dubartoota/haawwanii/ humna isaaniitiin yookan qabeenya akka aananii walitti ida’achuun guyyaa guyyaan akka gurgurataniif marroo deeman. Humnaan yoo marroo walitti seenan dubartootni olla tokko jiraatan midhaan qabiyyee wal qixaa wal bira fidachuun mooyyee waliin tumu. Mooyyee talaantalaa midhaan wal bira fidatan san faraqatti waliin feeddagu yookan waliin kurku. Dura kan nama tokkoo eega fixan booda kan nama kaanitti dabru. Qabeenya irratti yoo marroo walitti seenan garuu dubartoonni gandaa tokkoo keessa jiratan kan loon elmamu qaban aanan qabiyyee wal qixaa walitti dabalachuun guyyaa tokko nama tokkoof kennuun akka gurguratu taasisuun, guyyaa itti aanuus nama biraatiif kennuun marroon toofta itti wal gargaaraanii dha.

(4). Gumaata:-
Aadaa wal gargaarsaa keessaatti gumaanni/kennaan/ baayyee beekkamaa dha. Keessattuu nama fuudhe/heerume/ yookaan dubartii deesseef kan gumaatamuu yoo tahuu dabree dabree namoota jahatanii mana jaaruutti jiruuf illee ni godhama. Gumaanni yeroo baayyee gamtaan kan gumaataan yoo tahu yeroo tokko tokko garuu dhunfaaniis namaaf kennuu ni danda’ama. guumaatni hiriyyummaa, firummaa fi wal beekkumsa birootiin waliif kadhatama. Guyyoota muraasa dursee namni gumaata kadhatuu namaa beekuu hunda itti himaachu qaba. ‘Guyyaa akkaana gumaata naaf koottu’ ja’ee itti dhaamata. Namni kadhatamees guyyaa itti afeeramee sanitti qophaa’ee , waan barbaachisu qabatee iddo itti kadhatametti argama. Gumaatni dubraa fi dargageessaa/dardaraa galgala taha. Kannaan dubraa dardarri gumaataaf waliif kannan maallaqa dha. Gumaatni haawwanii garuu irra baaayyee guyyaa taha. Kennaan isaanii garuu maallaqa yookaan kennaa biraa kan akka nyaataas tahuu mala. Kaayyon isaas nama fuudhee yookaan dubaartii deesse diinagdeen kabsachiisuu keessatti gahee guddaa qaba.

(5). Afooshaa/Iddirii/:-
Aadaan kun haawasni akkaataa qubsuma isaani irratti hundaa’uun walitti jaaramanii jireenya hawaasummaa keessatti tooftaa itti wal gargaaranii dha. Du’aa fi jiruu, gaddaa fi gammachuu, sadoo fi gadadoo keessatti wal bira dhaabbachuun aadaa itti wal gargaaranii fi wal bira dhaabbataanii ittiin wal jajjabeessanii dha. Yeroo cidhaa, du’aa fi haajaa garagaraa ulfaataa tahan keessatti namoonni misensa afooshaa tahee hundi hirmaachu dirqama qabu. Afooshaan kun aadaa wal gargaarsaa kan biro irraa wanni aadda godhaa yoo jiraate, seera ittiin bulmaataa mataa isaanii qabachuu caalaa yeroo gara yerootti bal’achaa, dagaagaa dhuufuu isaati. Miseensoonni afooshaa heera ittiin bulmaataa ofii isaanii baafatanitti waan bulaniif, namnii dambii cabsee sirnumaan adabama. Kanaaf seera ittii bulmaata isaanii baayyee kabaju. Haalli kun ammo uummatni seeraa namni biraa baaseefi ittiin bulaa ja’uun irra kan ofiif baafataanitti sirnaan buluu akka jaalatan namaatti mul’isa.

(6). Quubii:-
Aadaan wal gargaarsaa keessaa quubiin tokko yoo tahu, namoota hojii wal fakkaataa hojjatan, qubsumaan naannoo walitti siqu jiraatan, galii walitti dhihaataa argatan, yaadaa fi ilaalchaaniis waliif galan, akkasuma wal amantaa qaban jiddutti maallaqa walitti buufachuun tartiibaan tooftaa itti walii kennanii dha. Guyyatti, torbaanitti yookaan ji’atti namni tokko maallaqa hanga murteeffame kan kafalu yoo tahu miseensoota keessaa nama beekaa fi amanamaa ja’anii yaadan tokko walitti qabaa godhanii filatu. Kana booda tartiibaan maallaqicha walitti qabee marroon abbaa carraan baheefiif kennama. Quubiin qusannaa maallaqaa fooyyeessuun diinagdee nama dhunfaas, kan garees guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.

(7). Kaaloo:-
Kaaloon kennaa gargaarsaa namni tokko gurbaa fuudhuuf yookaan nama jahatanii farditti jiruuf gumaachuu dha. Irra caalaatti kennaan kaaloo kun beeyladaa yookaan maallaqan kan kannamu yoo tahu adeemsi kennaa kuniis kaaloo waliif dhahu ja’ama. Hangafummaan beeyladaa ykn maallaqaan kaaloo waliif dhahuun haa beekkamu malee, Dabree dabree garuu qabeenya biroos waliif kannuu ni dandahu. Namni kaaloo waliif dhahu harki caalu fira dhihoo yoo tahellee namni akkaataa waliti dhihaatuuniis waliif kannuu ni dandahu.

(8). Liqii/Mugoota fi Ergisaa:-
Aadaa wal gargaarsaa baayyee beekkamu yoo tahu sirni isaas namni qabeenya harkaa qabu tokko nama rakkateef laachuun namni san yeroo muraasa keessatti dhimma itti bahee akka deebisuu taasisuu dha. Liqiin qabeenya akka maallaqaa, midhaan fi waan biraatiis kannamuu ni dandaha, Ergisaan garuu waan akka uffataa, meeshaa fi wantoota biro kan yeroo muraasaaf itti dhimma bahanii deebisan irratti xiyyeffata. Lamaanuu faaydaa guddaa qaba, keessattuu walitti dhufeenya hawaassummaa cimsuu fi namoota harka qalleeyyii tahaan rakkoo irra akka hin buuneef baayyee gargaara. Liqii fi ergisaan wal amaantii namootaa irratti waan hundaahuuf, namni waa liqeffatuu yookaan ergifatu yerooniin deebisa ja’ee qabate sanitti deebisuu qaba. Yoo haalli hin mijjaawiniif garuu dursee abbaa irraa liqeefatee sanitti himuu qaba. Gama biraatiin ergisaan meeshaa irratti waan xiyyeeffatuuf waan ergifatan san sirnaan eeganii deebisuun barbaachisaa dha.

(9). Hirtaa:-
Hirtaan aadaa namni dachii qonnaa hin qabne yookaan xiqqoo qabu nama lafa qoonnaa bal’oo qabu irraa fuudhee waaytii oomisha tokkoo yookaan waggoota muraasaaf qotee ommisha arkamu san wal qixatti abbaa dachii waliin addaan fudhachuun/hirachuun wal gargaaranii dha. Abbaan dachii eega lafa isaa hirtaa kannee booda oomishuma isaa eeggata malee quba hin qabu. Kan hirtaa fuudhe lafa kunuunsuu fi akka isiin oomisha guddaa kannitu waan dandahamu hunda godhee oomisha irraa galcha. Hanga oomisha addaan fudhatanitti amaantummaan waan lafa san irra jiru eeguu qaba.

(10). Nyaachisa fi Horsiisa/Ribbii:-
Beeyladaa walitti kannuun kan wal gargaaraanii dha. Nama beeyladaa hin qabneef namni beeyladaa baayyee qabuu itti kannee akka horsiisuu yookaan nyaachisuu godhama. Tooftaan kun nama beeyladaa hin qabnee horachiisuu kan fayyaduudha. Beeyladaa dhaltuu namatti kannanii ilmoo inni dhaluu marsaa marsaan addaan fudhatan, Dhala duraa abbaan horsiisuu yoo fudhate dhala itti aanu abbaa beeyladichaatiif jalaa galchu. Kuniis horsiisa jadhama. Nyaachisaan ammo tooftaa qotiyyoo nama qotiyyoo hin qabnetti kannanii nyaata isaa dhiheessaafi ittiin qotatuu dha. Haalli kuniis wal gargaarsa hawaasummaa keessatti gahee guddaa qaba.

Kabajamtoota dubbiftoota keenya walumaa galatti, waa’een aadaa wal gargaarsa ummata oromoo gabaabinaan kana fakkaata. Isin ammo hubaanno hangaa tokko akka irraa argattaan abdii guddaan qaba. Fuula dura hanga mata duree biraatiin walitti deebinuu turtii gaarii. Horaa bulaa.

==========XUMURAME!========

Barreessaan:- #Saphaloo_Kadiir/Abdulbasit/.

Yaada. Qeeqaa ykn komiifi sirreeffama yoo qabaattan teessoo armaan gadii kanaan nu qunnamuu dandessu.
Email:- ak23873@gmail.com.
Skype:- firanboon
Facebook:- http://www.facebook.com/saphaloo.
Twitter:- @Saphaloo
Website:- http://www.saphaloo.wordpress.com.

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Aadaa Oromoo, Afaan oromoo, Asoosama, Gootaa goototaa, Seenaa, Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

2 Responses to GOSOOTA AADAA WAL GARGAARSA SABA OROMOO. Kutaa 2ffaa

  1. umar Adam says:

    bayyee nama tola jabadhu .akkaa yaada kootti sila weedu isaan yeroo daboo hojjatan kanen akka wal farsu wal ittin mirqaansan keessa keessaa galchiite dansadhan jeedha .fkn-yeroo akafi
    akka dongori
    akka gaaxi fi hundinu weedu qaba tanittin wal mirqansan .dubartonis yeroo hojataniti kan weedisan .jabadhu itti fufi…

    Like

  2. Wayessa Olkaba says:

    hedduu nama barsiisa.

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s