GOSOOTA AADAA WAL GARGAARSA OROMOO HARARGEE

GOSOOTA AADAA WAL GARGAARSA BAHA OROMIYAA.

=Kutaa 1ffaa=

Qopheessaan:- Saphaloo Kadiir(Abdulbaasit)

Sabni kamuu saba jadhamee beekkamee kan yaamamu yoo afaan, seenaa, aadaa fi duudhaa akkasumaas falaasama ofii isaa qabaatee dha. Akkuma afaanii fi seenaa, aadaan saba tokko calaqiftuu eenyumaa sabaa saniiti. Sabni aadaa hin qabne gabra malee ulaagaa sabummaa guutee yaamamuu hin dandahu. Akkuma saba biraa sabni oromoos aadaa ittiin beekkamuu boonsaa fi bareedaa qaba. Akkuma bal’ina lafaa fi baayyina ummata isaatti sabni oromoo aadaa fi duudhaa bal’aa himamee hin dhumne, garba waraamee hin hir’anne qaba. Deemsa jireenya isaanii keessatti barmaatilee gaggaarii, tooftaa jireenya isaanii ittin salphifataanii fi farsamoo hojii ittiin saffifachaa jiraatan aadaa godhataanii bara dheeraa itti dhimma bahaa jiraachaa turan. Arrallee ittiin jiraachaa jiru. Roga hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa isaanii keessatti aadaa fi hooda miidhagaa, hawwataa fi bu’a qabeessa bu’ureeffatanii, dhibbaa fi cunqursaa alagaa irraa hanga dandayanitti eewalachaa hanga arraa jiraachuun kan nama boonsuu dha. Nuti dhaloonnii arraatiis walirraa barachaa, waliin guddifachaa dhaloota dhufuuf dhaalchisuun dirqama keenya.

Adaan oromoo akkaataa wal fakkeenyaa fi garaagarummaa/adda addummaa isaanii irratti hundaahun gosa heddutti qoodama. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti:-

• Aadaa wal gargaarsaa.
• Aadaa nyaataa.
• Aadaa uffataa.
• Aadaa fuudhaa fi heerumaa.
• Aadaa wallee fi weedduu(Sirbaa)
• Aadaa meeshaa fi kanneen biros kaasuun ni dandahama.

Barreeffama gabaaba kana keessatti gosoota aadaa armaan olitti tuqaman kana hunda ibsuuf yeroon naaf hin geessu. Akkuma mata duree irratti ibsuuf yaaletti arra Aadaa wal gargaarsaa keessaa fudhannee gosaa fi hiikka isaa tokko tokkoon gabaabsinee laallaa dubbisa gaarii.

Godinoota oromiyaa keessatti maqaan gosoota aadaa wal gargaarsaa addaa addummaa qabaatuus, tooftaa fi adeemsi isaanii hangas mara kan addaan fagaatuu fi wal dhabuu miti. Akkaataa kutaalee oromiyaa hunda keessatti ittiin beekkamu fuula duratti qabannee dhihaanna. Arraaf barreeffama kana keessatti aadaa wal gargaarsaa oromoo kutaa harargee keessatti maal akka fakkaatan isiniif dhiheessina.

Oromoon harargee akkuma oromoo godina biraatti, aadaa wal gargaarsaa bal’aa qaba. Sabni oromoo bu’ura wal gargaarsaa irratti hundaa’uun qabeenya, humnaa fi beekkomsa walitti qindeeffachuun ittiin wal kaba. Wayta gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi qabeenyaa, gadadoo fi sadoo keessattiis waliif dirmachuun tooftaa ittiin wal bira dhaabbatanii wal gargaaran qabu.

Oromoon saba hayyummaa fi beekkumsaan akkasumaas qabeenyaan badhaadhe dha. Akkuma hawaasa tokko keessatti qabaataan/dureeysi jiru dabree dabree dhabaan/hiyyeessiis hin dhabamu. Tahuus garuu sabni oromoo dhabuus bahee amba hin kadhatu, qabeenya namaa hin saamu hin hatu. Sababnis aadaa wal gargaarsaa gaarii qabeenya ittiin wal horachiisu waan qabuufi.

Aadaan wal gargaarsaa kun bu’aa baayyee qabu. San keessaa:-
 Yerotti sirnaan akka fayyadaman nama taasiisa.
 Hojii irratti wal mirqaansuun namoota muraasaan hojii bal’aa hojjatu nama dandeessisa..
 Namoota humnaa fi dandeetti hin qabneef deeggarsa taasisaa.
 Diinagdee dhunfaas tahee diinagdee garee salphatti akka guddatu taasisa,
 Walitti dhufeenyaa fi wal jaalala hawaasummaa nama jiddutti uumuu fi k.k.f. qaba.

Aaadaan wal gargaarsaa oromoo baayyee tahanillee isaan keessaa beekkamoon kanneen armaan gadii kana:-

(1). Guuza/daboo/jigii:-
namoonni baayyeen walitti dirmatanii, harka harkaan tooftaa hojii walirraa salphisuuf ittiin hojjatanii dha. Namni tokko hojiin isaa humna isaatii ol tahuu eega hubate booda, kallattiin ifii guuza kadhachuu ni dandaha yookan nama biraa kan walitti dhihaatuutti himatee akka guuza fiduuf gaafachuun kan kadhatamuu dha. Guuzni yeroo kadhatamu abbaan kadhatu gosa hojii irratti bobbahan himuun dirqama. Sababniis namni kadhatamee san meeshaa hojii saniif barbaachisu qabatee akka dhufuuf haala mijjeessa.hojiin guuzan hojjatamu dongorri, akaaffi, gaaxii mana, mana jaaruu, oomisha galchuu fi k.k.f. ni dha. Guuzni namoota wal kadhatan qofaaf kan oolu osoo hin taanee, maatii yaatama fi manguddootaa human dhableefiis dabree dabree waan hojjatuuf walitti dhuufenya ciimsa. Yeroo guuza haawwan ganda walitti dhufuun hoojjaa fi kasha guuzaa qopheessun haadha guuzaa gargaaru.

(2).Dimisha:-
Gurbaan soddaa warra intalaatiif osoon gaafatamiin yookan gaafatamee hiriyoota isaa walitti kadhatee, aadaa itti hojii warra soda hojjaatuu dha. Yeroo intala qaadhimate irraa eegalee hangaa fuudhee waliin bultii jaaruutti, dabalatee hanga ilmoo duraa waliin dahanitti dimisha geessuun beekkama dha. Erga ilmoo walin dahaan booda dimisha geessuun dirqama tahuu baatullee ifiif nama lamaa fi sadi if biratti fudhattee ooyruu warra soddaa ooluun ni gargaara. Dimishni warra soddaa kan geeffamu waggaa keessaa yeroo tokkoo fi isaa ol tahuu mala. Keessattuu, yeroo hojiin baayyee jiruu fi nama sarduu kan akka yeroo facaa’aa fi yeroo oomishaa dimishaan warra soddaa gargaaruun beekkama dha.

Yeroo gurbaan dimisha warra soddaa geessu, intaltiis geeloota isii yaammattee hoojjaa fi kasha waan geessituuf, carraa qaadhimaan lamaan wal arkuu isaaniif uuma. Kuniis bu’aa mataa isaa qaba. Gurbaan qanxummaa fi saansakaa qaadhimaa isaa hubachuuf isa gargaaruu cinattiis ijaan wal arganii yaada wal bahu. Isiiniis akkasuma ciminaa fi jabina isaa hanga tokko akka bartu isii taasisa. Kana waan beekuuf gurbaaniis yero hoojaan yookan kashni dhufu baayyee mirqaana. Gama biraatiin hiriyoonni gurbaa qaadhima isaa akka baranii fi akka qeeqan carraa banaaf, kanuma keessa ijaan wal baru. Geelootni isiitiis akkasuma. Tanuma keessa dubraa fi dardarri biraas ija wal kaayatanii jaalalaaf wal abuurrachuu malu. Carraan biroo kan jaalalleewwan lamaan itti wal arkan dhiphaa waan taheef yeroo akkanaa wal arkuun isaanii, jaalala isaanii dabaluu fi sodaa gara lameen jiru xiqqeessuuf gahee guddaa qaba. Kanaaf qaadhimaan lamaan wal arkuu isaanitti imaalmaana gammadan.

===== Itti Fufa=====

Qindeessaan:- Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)

Yaada. Qeeqaa, yaada dabalataa fi komii yoo qabaattan teessoo armaan gadii kanaan nu qunnamaa.
Email:- ak23873@gmail.com.
Skype:- firanboon
Facebook:- http://www.facebook.com/saphaloo.
Twitter:- @Saphaloo
Website:- http://www.saphaloo.wordpress.com.

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Aadaa Oromoo, Afaan oromoo, Asoosama, Gootaa goototaa, Seenaa, Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

4 Responses to GOSOOTA AADAA WAL GARGAARSA OROMOO HARARGEE

  1. Makonnin says:

    Jabaadhu tiruu koo wanti ati dalagaa jirtu hundinuu natti toleera…iddoo yaadde gahuuf kanuma caalaa jabaadhuu itti fufi.

    Like

  2. shamsu says:

    jabaadhu

    Like

  3. umar adam says:

    bayye bayye nama gammachisa jabadhu.garu sila osoo weedu yeroo hojatan weedifatan san keessa gote jeedha .
    Fkn: yeroo akafi
    qona fi k k fakkatan gote jedha jabadhu .

    Like

  4. Calii Calanqoo says:

    baayyee gaariidha itti fufi addaan siduraa hin citin.
    Mee waa’ee ‘DAABALLII’ irraa waan beeytu nuun gahi yeroo gabaabaa keessatti.

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s