JECHAMOOTA HAYYOOTAA

 JECHOOTA HAYYOOTA OROMOO IRRAA….

Kutaa 1ffaa

Hubachiisa:- yoo akka dubbifteen ‘like’, ‘share’ fi ‘comment’ godhuu baatte dubbisuun hin hayyamamu. dubbisanii ‘like’ ‘share’ ‘comment’ godhuun dirqama sabummaati.

Ashamaa harka fuune jaalatamtoota, kabajamtoota ilmaan oromoo? Nagayni badhaadha? Alaa manni, aalii ollaan fayyaadha? Baraa bariin, daagaa argaadni nagayaa?
Mee arraan tana jechoota hayyootni oromoo dubbatan isiniif dhiheessinaa nu hordofaa.

.

 Waa sadi waan lubbuu qabaatu, waa sadiin lubbuu dhaba:-
1. Seenaan waan lubbuu qabaati, yoo gowwatti himan waan lubbuu dhabaati.
2. Gudeedni kormaa waan lubbuu qabaati, masheenatti goreen waan lubbuu dhabaati.
3. Qabeenyi waan lubbuu qabaati, yooniif doyna/doqnatti goreen waan lubbuu dhabaati.

 Dhiirti waa sadi dandeessee, waan sadi dadhabde:-
1. Bilaaluu gurguddoo keessa deemteeti, cirracha tokko kan kophee keessa seene dadhabde.
2. Rooba guddaa keessa deemteeti, dhimmuu mana takka obsite.
3. Waan abbaa duubaa dandeessee, waan abbaa biraa/duubaa dadhabde.

 Eeyba jaarsoolee/ manguddoolee waan sadi si haa bararu:-
1. Qoree dhoqqee keessaa si haa baraaru.
2. Abaarsaa jaarsaa du’aaf deemu si haa baraaru,
3. Jecha niitii/jaartii obboleeysaaa si haa baraaru.

 Abaarsi jaaroolee sadi:-
1. Itillee dhabi.
2. Soora/nyaata dhabi
3. Dhugaa dhabi.

=Itti Fufa=

Maddi:- Manguddoo oromoo irraa.
Kan yaadannoo isaarraa nuuf laate:- @Murataa teysoo
Qindeessee dhiheessaan:- #Saphaloo_Kadiir.

Yaada. Qeebaa ykn komii yoo qabaattan teessoo armaan gadii kanaan nu qunnamaa.

Email:- ak23873@gmail.com.

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Aadaa Oromoo, Afaan oromoo, Asoosama, Gootaa goototaa, Seenaa, Walaloo adda addaa. Bookmark the permalink.

29 Responses to JECHAMOOTA HAYYOOTAA

  1. mamish oromticha@facebook.com says:

    b/e isin jaalanna jabaadha!

    Like

  2. Anwar Mohammed says:

    Harka Fuune yaa obb/kiyyaa qaqqaalii ifaajee keessanif bu’aan isaa Dhalli Oromoo Dammaquufi waan haareya barachuudha. Anis Maammila kheessan haareya tahuu khiyyaan tanduraa ofittiin gammade.Itti aansuudhan hanga arraa turuu kiyyarraa ofittiin gadde.Sii ichi ammoo hirmaannaa tiyya bilaashitti lafatti xab hin godhu bakka ittigodhu malee.Ittiin fufa.Fayya dayaa.
    Brs/Anwar Mohammed Hargeessarraa.

    Like

  3. Gammadii says:

    Rabbi isin bira haa jiraatuu isin nuuf jabaadhaa
    Nullee isinuu qabnaa boruuf isin hedannaa
    Biyaa baataniillee yaadaan as jitanii
    Ammas haa bilchaatuu kaa sammuun keessanii
    Anis hidda keessan, B/taa G.B

    Like

  4. birhanu tujo says:

    baay’ee kaan nama barsiisudha nuuf jabadha, umuriin kessan yaa dheeratu!

    Liked by 1 person

  5. Muhammedamin Abdi Wabe says:

    Rabbi isin bira haa jiraatuu isin nuuf jabaadhaa Nullee isinuu qabnaa boruuf isin abdanna jabaadha!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

    Liked by 1 person

  6. Sheir Osmael says:

    jabadhu lencaa wan bayye nuf qoddee. Galattommii

    Like

  7. 0938580023 says:

    baay,ee kaan nama barsiisudhaa nuuf jabadha,

    Like

  8. Aartii oromoo waliin haa guddisnu!

    Like

  9. sayid says:

    dhaamsi keessan daran gaariidha. jajjabaadha. faxuma Canaan Itti fuufaa ..

    Like

  10. sayid says:

    dhaamsi keessan daran gaariidha. jajjabaadha. haluma kanaan Itti fuufaa ..

    Like

  11. Barentuma Amba says:

    jabadhuu qomoo koo nutuu waliif jiraa

    Like

  12. Nigisaa Dingataa says:

    Utuu jechoota fi jechamoota sirritti nama barsiisu danda’an post gootani bayyee namati…!

    Like

  13. muluken says:

    Gaarii dha,jabaadhu!

    Like

  14. Bekele Yadessa Wegi says:

    Barsiisaa fi jajjabeessaadha itti fufaa

    Like

  15. demelash negash says:

    aadaa duudhaa afan oromoo akkasumas maalummaa afaanichaa guddisuun eenyummaa ofii beeku dha

    Like

  16. kasim haji says:

    Rabbi fayyaa siif haa kennu
    qalamni kee haa morgue
    Kaayyoo kee rabbi galmaan siif haa gahu

    Like

  17. Galatoomi qalamni ke ha mirgisu.

    Liked by 2 people

  18. Mala jiruu says:

    Qabsoon,orommummaaf bu’aa qaba gabrummaa ballessuun bilisummaa argamsisuudha

    Liked by 1 person

  19. Neima Kedir says:

    Jabaadhaa.

    Liked by 1 person

  20. Uhuru says:

    jabaadhu barnoota gaari nuf gumaachite
    hedduu galatoomi Rabbin itti siif ha ida’u

    Liked by 1 person

  21. mukeram says:

    Galatoomi nuuf jiraadhu
    ammaale itti nuuf dabali

    Like

  22. Bahar kaa says:

    heddu namati toola gaalatomaa

    Like

  23. Mukeram says:

    Galatooma Lammiwwan koo oromo

    Like

  24. Anti Hailu says:

    Hojjaan Ati Gumaacha Jirtu Heddu Kan Nama Barsisufi Bashaanansisudha. Ammaleen Ka Barsiisan Heddu Akka Heertu Ni Abdaana! Jabaadhu ++++

    Like

  25. Baay’ee Gaariidha.

    Like

  26. fami Abrahim says:

    baayyee hayyummaa qabda

    Like

  27. Abirahaam tafarii says:

    baay’ee namatti tola dubbiin keessan galatooma

    Like

Leave a reply to sayid Cancel reply