SEENAA SHEEK BAKRII SAPHALOO

SEENAA SHEEK BAKRII SAPHALOO KUTAA 1FFAA

SEENAA FI HOJII SHEEK BAKRII SAPHALOO(ABUUBAKAR USMAAN ODAA)

KUTAA 1ffaa.

SHEEK BAKRII SAPHALOO EENYU? SABA ISAATIIF MAAL GUMAACHE LAATA?

Barreessaan:- Saphaloo Kadiir.

Maqaa maatiin isaa baasaniif Abuubakar Usmaan odaati, maqaan ittiin beekkamu sheek bakrii saphalooti. Maatii isaa irraa bara 1895 ti, oromiyaa, kutaa harargee, aanaa gooroo guutuu, ganda saphaloo ja’amu keessatti haadha isaati fi abbaa isaa garaad usmaan odaa irraa dhalaatee, Maqaan isaa Saphaloo ja’u kuniis maqaa iddoo dhaloota isaarraa kan itti moggaafame tahuu isaati.

Dhalatee akkuma umriin barnootaaf gaheen barnoota amaantii ganduma itti dhalatetti jalqabe. San booda waggaa muraasaaf Arsii, iddoo waaybar ja’amu keessatti sheeka baalee beekkama sheek Abdallaa irratti barachaa turee, bara 1909 sheek abdallaa irratti kitaaba eega buusee gara chaffee gurraattii qaceele, caffee gurraattittiis sheek abdallaa waleensuu irratti baratee, bara 1915 gara yakkaa deeme sheek yusuf adaam irratti barate.

Boodarra barnoota isaa bara 1922 ti carcar, sheek umar balballeettii irratti xumure. Bara 1927 ti gara iddoo dhaloota isaa ‘saphalootti’ deebi’e. akkuma ganda isaatti galeen wiirtuu barnoota isaa tan jalqabaa banee, barsiisaa amaantii tahee joollee biyyaa fi dargaggoo hedduu barsiisuu jalqabe.

Gaafa jalqaba wiirtuu barnoota isaa iddoo dhaloota isaatti jalqabu, sheek bakrii saphaloo, yaadaa fi karoorri isaa, hawwii fi xiyyeeffannaan isaa marti barnoota islaamaa qofa ture. Adeemsa keessa dhimmi seenaa oromoo kan abbaa isaa dhagahaa turee keessatti gad dhimmisuu jalqabe. Eega sagaantaa barnoota fagoo, universitii alhazaar, tan biyya misraatti jalqabee booda daranuu beekumsa warraaqsaa siyaasaa afrikaa, awrooppaa fi eshiyaa waliin daran wal barachuun, hawwii fi yaadni isaa bal’achaa, kayyoo fi karoorri isaatiis dagaagaa deeme.
Sheek bakriin, beekumsa barnoota islaamaa, kan qur’aanaa qofa osoon tahin, saayinsii, herreegaa fi falaasamaa/filoosoofiin/ sadaarkaa ol aanaa nama gahee fi Dandeettii afaan hedduuttiis kan qabuu dha. Afaan oromoo, arabii,soomaalee, amaariffaa, adariffaa fi afaan xaaliyaanii akkasumaas afaan inglizii barreessuu fi dubbisuu sirritti kan dandahu tahuu isaa ragaaleen qorannoo isaarratti godhame ni mul’isa.

Osuma ganda itti dhalatettii barsiisaa jiruu bara 1928, umrii isaa waggaa 33 ti haadha mana isaa tan jalqabaa, kadijaa ahmed fuudhee bultii jaare. Isaa fuudhee waggaa lama,jachuunis bara 1930ti, Abbaan isaanii,garaad usmaan eega du’an booda sheek bakriin mataa maatii tahee, taligaa fi dirqaamni maatii gateetii isaa irra tahee, itti gaafatamummaa maatiitiis bahuu jalqabe.

Barnoota islaamaa osuma barsiisaa jiruu sammuu isaa keessatti yaadni tokko tokko uumamuu jalqabe. Dhimmi siyaasaa, aadaa fi hundaa ol dhimmi guddina afaan oromoo qalbii isaa keessatti habaqaalamee, sammuu isaa keessatti xiyyeeffannaa argachaa dhufuu jalqaban. Inniis kana hubachuun keessaattu afaan oromoo afaan saba bal’aa kun guddina dhabee qancaruun waan isa yaaddeesseef sochii isaatiif, tarkaanfii jalqabaa eegale. Karoora isaa xumuratee amna isaa yoo eegalu, Tooftaan inni dura itti fayyadame, sirna baruufi barsiisuu isaa ammayeessuu fi idileessuu ture. Kanaaf barnoota amaantii madditti barnoota falaasamaa, gi’oograafii/saayiinsii haala teessumaa lafaa/ , seenaa fi herreega dabalatee afaan oromoo fi arabiffaas barsiisuu jalqaban. Tooftaan baruu fi barsiisuu sirna kenniinsa barnoota isaa ammayyummaan kan deeggarame waan taheef, barattootni isaanii qomatti akka hafazan/qabatan qofaa osoo hin taane, afaan oromooti fi arabiffaa barreessuu, dubbisuu fi dubbachuun ulaagaa guddaa ture. Tooftaa kanaan sheekkooti cimtuu fi beekkamoo baayyee horatan keessaa akka fakkeenyaatti aalima fi hayyuu beekkamaa sheek mohammad rashaad kabiir abdullee, fi itti gaafatamaa dhimma islaama itoophiyaa kan ture sheek abdurahmaan muuda tuquun ni dandahama.

Osuma darasoota isaanii barsiisaa jiranii sheek bakrii saphaloo gama tokkoon yaadni walaloo barreessu sammuu keessa deddeebi’uu jalqabe, yeroo kana maagata yaadaa gara walaloo barreessuuttiis meeysanii, walaloo mi’ooytuu fi dhama qabeessa afaan oromootiin barreessuu jalqaban. Qabiyyeen walaloo isaatiis zikrii/walaloo amaantii/, walaloo siyaasaa/warraaqsaa/, walaloo aadaa kan akka darashii, shoobdoo fi k.k.f barreessuu eegalan.

Gama biraatiin, tooftaa kenniinsaa barnoota isaatii fi dandeettii cimina isaa irraa dhaabbachuun baayyinni darasoota isaa gamaa gamanaa itti xinniqu baayyachuun wal qabatee, hawwiin wiirtuu barnoota isaa babal’isuu keessa isaattii gabbacha dhufe. Bara 1940 ti wiirtuu barnoota isaa 2ffaa addeellee ti bane. Warri adeellees aalimni, hayyuun kun ilmaan isaanii barsiisuuf gara isaanii dhufutti gammadanii, intalaas kennaniifii qubsiisan. Wiirtuu barnoota isaa 2ffaa bane, bultii isaa 2ffaas jaarattee ilmaan biyyaa tooftaa barnoota isaa ammayyaawaa san habbuqqachiisaa dhabsuu baasuu jalqabe.

Waggaa 8 booda, jachuunis bara 1948 ti wiirtuu barnootaa isaa 3ffaa Ligibootti bane. yeroo kana ture dhimmi afaan oromoo keessa isaa quqquuquu jalqabe. Afaan saba bal’aa qubee ittiin barreeffamu dhabuu isaatti gaddi itti dhagahamee qubee afaan oromootiin wal simu uumuuf qorannoo isaa jalqabe.

Wiirtuu barnoota isaa 4 koortutti bara 1953 banee barsiisuu itti fufe sheek bakriin. Wiirtuu banoota isaa kana qofatti hin daangessine. Magaalaa dirree dhawaa, qabbanaawaa fi bobbaasattiis babal’isee hojii barnoota isaa cimsee itti fufe.
Sheek Bakrii Saphaloo hojii sabaaf faaydaa qabuu kan hojjate keessaa, qubee afaan oromootiif mijjaahuu fi hanqina gama qubeetiin afaan oromoo hundee irraa furuu dandahuu kalaquun barattoota isaa ittiin barsiisaa turuun, hangafummaan haa kaayamuu malee hojii baayyee hojjatanii jiran.

• Kitaaboota hedduu afaan arabaa irraa gara afaan oromootti hiikun sabni isaa akka dubbisu taasisee jira.
• Herreega aljebraa fi ge’oomeetirii jadhamu afaan oromotti jijjiiruun barattoota isaa ittiin barsiisaa ture.
• Walaloo baayyee afaan oromoon barreessuu fi kitaaboota seenaa oromoo baayyee barreessani jiran.
• Barsiisaa barnoota ammayyaa tahee hayyoota baayyee horachuun gumaacha sabumaa bahaa nama turee dha.

Wanni nama gaddiisiisuu garuu Hojiileen sheek bakrii saphaloo kun hundii bara 1978 waraana mootummaa dargiitiin koortutti jalaa gubameef ragaan isaa baayyeen daara tahe hafe.

Sheek Bakriin nama hayyuu siyaasaa fi tokkummaa oromoo irraattiis hojii baayyee hojjatanii dha. Haala sochii siyaasaa yeroo duraa caalaa finiinsuu kan jalqabee bara 1934 keessa, sababniis weerara xaaliyaan waahelfachuun dhimmoota oromummaa mul’isuufi. Bara kana keessa afaan oromoo xaaliyaaniin tamsaasa raadiyoo keessatti dabalamuu fi mana barnootaa keessattiis akka baratamu taasisuun baayyee isa gammachiisullee, mootummaa biriitishiin haylesillaaseen yoo sokkaa galfamu baayyee kan aare ture. Osoo kanaatti dhimma bahuuf warraqsa isaa finiinsaa jiruu hidhamee obboleessi isaa aadam usmaan beeyladaa warra nafxanyootaaf kennanii hidhaa baase. Harargee qofa osoo hin taane guutuu oromiyaatti sochiin taasisan raga guddaa dha. Kaan keessaa hundeeffama waldaa maccaa fi tuulamaatiif sochiin isaan godhan fakkeenya guddaa dha. Bara 1960’mo keessaa yeroo general taddessa birruu sababa walda maccaa fi tuulamatiif jacha galamsotti hidhamee turetti yeroo lama irraa mana hidhaatti dhaqee akka laale ragaaleen seena ni mul’isa.

WALALOO SHEEK BAKRII SAPHALOO YEROO GARA GARAA BARREESSAN KEESSAA:-

Sheek bakrii saphaloo nama kennaa fi dandeettii walaloo baayyee qabuu dha. Walaloo isaa keessatti qabiyyeewwan dhimma afaanii, siyaasaa, aadaa, barnoota, sirna gadaa, hawaasummaa fi kanneen biraatiis ittiin calaqisiifacha, Barattoota isaaniitiis ittiin qaraa, Kana malees yeroo wadaajaa adda addaa irratti dubbifamaa, yeroo guuzaa irratti darashamuuni fi haala garagaraan ummata bira gahaa akka turte ragaan seenaa ni mul’isa.

Walalooleen isaanii gaggabaabduu fi laaftumatti sammutti namaa qabamuu dandessuu tahuu daran jechootaa mimmi’aawoo fi dhama qabeessaan waan barreessuuf jaalatamummaa fi fudhatama guddaa hawaasa biratti qabachuu ragaan seenaa ni mul’isa.

Gaafa xaaliyan biyya itoophiyaa weeraree ture bara 1935 walaloo armaan gadii barreessee jira.
“Amaaraa nurraa fuudhee raada burree ayyaanii,
Dhidhimee gaara seene dheefa gurbee xaaliyanii.”

Weeraruma xaaliyaani kanaan wal qabatee bara 1936 keessa gaafa mootiin haylasillaasee dheefa xaaliyaanii biyyarraa baqatee sheek bakriin walaloo akkana jattu barreessee ture.
“Xaaliyaan taankii gangalchee gama ceekaa daraaraa,
Amaara qalee fixee akka hoolaa baraaraa,
Mosolooniin caccabsee miila siree amaaraa,
Mootichi dheefa deemee goggogaan fuula aaraa,
Mootiin hiyyeessa miidhe abaduu numa qaaraa.” Jachuudhaan barreesse.

Waa’ee seenaa irrattiis:-
“Odoo ormi beekee oduu nu duraa,
Hulaan itti cufaadhaa maraa banamaa,
Oduu dur dhageenyaan kale bilisaa,
Sa maa gabra taata soda ilma namaa,
Abbootuma keetuu kale nagasee,
Taraan isin geenyaan kunoo a’amaa.”

Dargaggeessii baratee biyya isaa fi saba isaa fayyaaduu akka dandahuu walaloo isaa keessatti haala kanaan ibse:-
“Odoo qara’ee, baratee, dalagee,
Biyyaa ol tahee adawwii buqisaa,
Inni kuun osoo biyyasaaf qara’uu,
Oduu nadhoo balisee saffisaa,
Dubbii hayaa barachuu hin hamiluu,
Achii kijibaan dubartii bakkisaa.”

Gaafa afaan oromoo tamsaasa raadiyootti dhoorkamu sheek bakriin akkanatti barreessee ummatni akka falmachuu qabuu walalon yoo ibsu:-
“Afaan ormaa kaanii tolchee kabajaa,
Kan isaatii waliin wajjii raadiyoo naqamaa,
Odoo ka’anii toolchanii, lolaanii,
Xalaatni caphee, batatee dhabamaa,
Hulaan cuccuufaa martinuu banamaa.”

Waa’ee roorroo nafxanyoota irratti sabni oromoo finciluu akka qabuus yoo walaloon barreessuu:-
“Cunqursaa amaaraan dassitaa ja’anii,
Ammoo kaaniin boruu barmaamii ja’anii,
Dassitaan qabee fe’ata boruu barmaamii,
Mala saa karaa yoo beeyte si tilmaamii,
Fe’amuu didi haadallee taanan cirri yaa boruu,
Dassitaa badaa xalaata diin islaamii,
Jahatan malee fe’amuu jalaan bahaan eeginii,
Akka jaza’irii adanii cinqii fitinaamii,
Du’an oolanii, du’a faa soda matumaa gatii,
Inumaa dafee fedhu haa dhufuu as yaamii,
Si namuu ka’ee, kanummaan boruu tahe maa rafaa,
Asaboot korii yoo akhii owwaatan yaamii.”
Boruun fi’amee ni gaangee moo si gaala?
Ifii malatee maa dasitaa sigaalaa
Boruu ka’i waa sadi dhabuun si gessee,
Isii a’amuun yoo namaatii gubaalaa,
Afaan oromoo, dachii kan sadeessaa diinii,
Azaaba kamii balaa sitti buute caalaa?”

Sheek bakriin gaafa qubee isaa kan uume saniin barreessuu dhoorkame ligiboo (wiirtuu 3ffa) irraa gara koortuu baqate walaloo:-
“Nu godaana irraa kaanee nafxanyaa ligiboo dha,
Gariin guddaan isaanii hattuu dha, kijiboo dha,
Takkaa hin agarre hin dhageenye
Kan akka saanii dhiboo dha,
Biyya diiniin xalaataa dinne torba heboodha.”

Waa’ee sirna gadaa ilaalchisee akkanatti barreessee sheek bakriin:-

“Arra bahanii luuba foon hiranii,
Yoggaa san gaggaarii nama filatamaa,
Baheessuma namuu laalee filataa,
Isaan santu raabaa doorii ja’amaa,
Abbaan gadaa kan urjii bakkuu,
Akeekadhu yaa boo falaan si namaa,

Bokkuu asxaa beekaa gooftaa fugugii,
Sibillii hin tahuu mukurraa qoramaa,
Arraa dhabni taanan mara dhabamee,
Tanaaf arra taane gabroota namaa,
Bareentumti gootaa san eentu didaa,
Aduun ifaa eentu didee mormaa?
Ammo arra bokkuu jiran ja’anii,
Garii adaree dha dhaqee marama,
Bareentuma gaafas kan miidhen bahuu,
Kunooti arra ammo oggolee fe’amaa,
Bada antaree daya’ee san fidee,
Dhaweetuma gooytaan facaase cumaa,
Lafee duute dhaaduu gatii irra tarii,
Abuun gamnaan gootu gowwaa cufamaa,
Abbee deeyma nyaatee nadhii dhudha’uun,
Afaan sin mi’eessitu yaa ilma namaa,
Yoo waa tarte mee siin hubadha,
Aduu biliqii dardara ganamaa.” kan ja’uu fi kanneen biroollee baayyee barreessuun hogbarruu afaan oromootiif gummaacha isaa laachuu caalaa hawaasaa isaa warraaqsaaf ittiin dammeeysaas ture sheek bakrii saphaloo.

Walaloo sheek Bakrii saphaloo baayyee keessaa hangi tokko bara 1996 keessaa gaazexaa bariisaa keessatti maxxanfamee ummata oromoo mara bira gahaa akka ture seenaan ni mul’isa.

===========Itti fufa============

Barreessaan Saphaloo Kadiir
Yaadaa, sirreessaa ykn ceephoo yoo qabaattan, teessoo kanaa gadiitiin nu qunnamaa.
Email:- ak23873@gmail.com,
Skype:- firanboon
Facebook:- http://www.facebook.com/saphaloo
Bilbila:- +254707482480

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Aadaa Oromoo, Afaan oromoo, Asoosama, Gootaa goototaa, Seenaa, Walaloo adda addaa and tagged , , . Bookmark the permalink.

4 Responses to SEENAA SHEEK BAKRII SAPHALOO

  1. Hayyuu Qarroo ! kan Seenaa dhokate qoforee baasu ta’uu koo barreeffamni kee ragaa dha.Qaroo waan dhokate arguu kana qaroon diinaa hin argiin.Argituus waaqni oromtichaa isaa hin ofkalchiin.Amma iyyuu seenaa dhokatee fi awwalame baay’ee qabnaa waliin haa baafanu!.Diinni kan keenya awwaluu malee nuuf hin ciisuu

    Like

  2. gaadisa says:

    Tulluu tulluraan baate rabbiin sii haa taasiisuu,harkii fayyaa haa arkatuu.

    Like

  3. 20893233 says:

    dhugaa rabbii ati nama dhiira, kennaa addaa qabda, rakkina simudatu hunda danda’ii galmaan ga’i malee of duuba hindeebi’in. baay’een si dinqisiifadha.

    Like

  4. Zeze hassan says:

    Nama akka keeti rabbin nuf ha baayisu hoori buli.

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s