Seenaa Gabaabaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdulkarim Abraahim Haamid) Kutaa-3ffaa(xumuraa)

By Saphaloo Kadiir.

Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda, Man’dheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii mirga namaan hin-daddabne, akeeka
ganamaatti nama deebisa.
Hidhannoo barbaacha
baheef, kan bahara
qaxxaamuree dafka
lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii, kalooytaa
adii fii imaamata adii
uwwisee, akka warri
karaatti arkan ja’aniinitti,
nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan, miilaan karaa
biyyaa namaan qaceela.

Moggaa dachii-rraa
Hargeessa fidee, acii
Wacaale keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen
tan Tulluu Guuleedi-tti
hara nama baafachiisa. Tulluu Guuleed irraa Gaara
Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda
Quraa gubbaan qilleensa qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa, Biyyoo
Adaree halaalaa nama
daawwachiisa. San keessa nama oofaa fidee, amna
dheeraa biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14,
bara 1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama
fida.
Achirraa Qabsoo
Hidhannoo Bilisummaa Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa
wareegaman itti nama deebisa.

Yaroo Jaarraa Abbaa
Gadaa, maqaa guutuu
Oromoo tiin qabsoo
hidhannoo jalqabe, yaroo tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni baroota hedduuf irratti
hojjachaa ture, karaa itti qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan
Habashaa Oromiyaa
keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte.
Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle Sillaasee!” qofaan,
hawaasa Oromiyaa
bobbaasanii galchaa
turani. Kana malees,
yaroon san, yaroo
Xophiyummaan onnee
Oromoota hedduu itti
dhunfatte ture. San
malees, yaroo, gariin
lammii eenyummaa
isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa godhaa turani. Walii-
galatti, yaroon san, yaroo lammii Oromiyaa keessaa
irra hedduun, “harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun hin dandayamu,” jechuun,
gabroomsaaf oggolani.

Jaarraa Abbaa Gadaa,
haala akkasii keessatti, gufuulee diinni eenyuummaa lammii dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti
qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen saba Oromoo gargar qoqqooduuf
moggaafaman
macalaasee, Oromummaa
du’arraa kaasee, sab-
boonummaan faayee,
qabsoo bilisummaa
ummata Oromiyaa tiif
xurree baasuuf, daggala gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees, Oromoota magaalaa
keessatti maqaa Oromoo tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne,
ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo
isaan magaalaa keessatti wal muudan gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa sabaa hujiin mirkaneesse.
Haaluma hundattuu,
daandii haaraya saaquun salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa
barbaada.
Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo
hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo murannoo olii ti.

Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo
hidhannoo jalqabuu
mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa isaa
gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene.
Jaarraa Abbaa Gadaa,
qabsaawaa jaallan waliin malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo nyaanni
kan wal hin geenye itti fakkaate, malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna geeraree nama
onnachiisu, duulee
duulchisu, kan lubbuu
jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu.
Kana malees, Jaarraa Abbaa Gadaa, hooggana duulatti
nama ergee ifii duubatti hafu odoo hin taane, kan
duula godhamu
hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti hambisani.

Gootummaan isaa qe’ee diinaa keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni
yaroo maqaa isaa
dhagayan hin baarayne hin jiran. Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu
namatti dhaabu,
dhanfoora keessa
hulluuqee, sammuu
keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata.
Sujuunni addarraa ifu
qulqullina onnee fii qalbii sirritii mirkaneessa. Kilaash
dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee
haasawu, haalli isaa
daawwatamee – haasoyni
qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-
quufamu.
Eegaa,gababumatti seenaan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa kutaa sadiin qoqodne isi dhiheessa turre asirratti xumuraa.
Galatoomaa.

====xumurame====

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa. Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s