Seenaa Gabaabaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdulkarim Abraahim Haamid) Kutaa-2ffaa

By Saphaloo Kadiir

Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan.
Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi birattillee dirqama
irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif mirkaneesse.
Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa Sheekhtichaa fii
darasoota isaa waliin,
qawwee hamma
arkataniin qabsoo
hidhannoo bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan. Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota Roobee fii Miicata jidduu
daddeebi’an irraa, Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf,
karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa,
Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu xuuxxee,
darasoota isaa waliin if- duuba deebi’uu
murteeffachiifte.

Jaarraa Abbaa Gadaa garuu, wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra
oolchuuf, amna isaa
kophaa itti fufe. Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree
fe’atanii bilisummaa
barbaada deemuuf,
gaafasii mitii arrallee,
murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne, hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu
waan inni iyyaafachaa
deemu in himne keessa qaxxaamuree, bakka garaa gaye.
Kana booda, seenaan
imaltuu tan Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe, bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee, Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa
Gindhiiriin Soomaalee
nama geessa. Achirraa
ammaas, miyaa fii
kaameeraa baadhachiisee
Fincila Baaletti ol nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii, kan diinni
qabsaawotatti samii
gubbaa boombii itti
roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii
galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa humnaa fii tooftaa diinaa
tiin akkaa-gara hin
dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama naqee, dhuma bara 1968,
Soomaaletti nama
deebisa. Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya
eenyummaa isaanii
beeysisuuf godhan,
dhibdee mudatan,
injifannoo helanii fii
seenaa Jaarraa Abbaa
Gadaa adda baasuun hin dandayamu.

Jaarraa Abbaa
Gadaa, Soomaaletti akka deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda
addaa tiin seenanii
Soomaaliyaa keessa jiran babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra
qabsooo hidhannootiif
fedhii qaban waliin,
Arfaasa 12, bara 1969,
bu’ura Adda Bilisummaa Oromoo lafa kaayan.
Alaabaa, Faaruu Alaabaa tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara 1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa, tokkoo-
lamaan Magalaa Adan
seenan. Mootummaan
Soomaalee fedhii isaanii, tan leenjii tooftaa lolaa tii
fii hidhannoo, akka
bakkaan hin geenyeef
yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan aanjeesse,
Jaarraa Abbaa Gadaa ti. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28, bara 1970, Mogdishoo irraa
baasee Adan nama geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq, Iraaq irraa
gama Suuriyaa namaan barara. Suuriyatti jab’haa
Falasxiin waliin wal nama barsiisee, mooraa leenjii
waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda,
Waxabajjii 3, bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra
geessee, Baghdaad-tti
nama deebisa. Achirraa miya waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa. San booda,
Onkololeessaa 17, bara 1970, hoogganummaa
Qeeyroo Ganamaa tiin,
Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a.
Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara
lafa Soomaalee tan Bulloo- har ja’amtu nama geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana hidhaa, Man’dheeraa-tti namaan deema.

Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo keessatti
hojjataman qabu. Seenaan mana hidhaa,
Man’dheeraa, qofti
himamee hin dhumu.
Manni hidhaa
Man’dheeraa, iddoo,
Jaarraa Abbaa Gadaa,
dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan jajjabeessuun,
hogganummaa isaa hujiin itti mirkaneesse keessaa
tokko. Kana malees,
Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura dhaabbatee, seenaa
Oromoo nama barsiise.
Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii ifiin
caanceesse ija keessa
daawwachaa, “seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif gootummaa gootummaa olii qabaachu nama
barbaachisa.

=====Itti Fufa=====

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa. Bookmark the permalink.

2 Responses to Seenaa Gabaabaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdulkarim Abraahim Haamid) Kutaa-2ffaa

  1. Ibsa m sharif says:

    Jecha nara hanqata wanin ja’e si farsu walale saphaloo koo

    Like

  2. martu keeti says:

    jabaadhuu itti fufi sabboonaa sabaa

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s