Seenaa Gabaabaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdulkarim Abraahim Haamid) Kutaa-1ffaa

Jaarraa Abbaa Gadaatiifi jalqaba Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa Oromiyaa

By Saphaloo Kadiir

Walakkaa bara 1876ii, gaafa Ibroo Shaxaa lola Cirrachaatti
waraana Kamaal Baashaa tiin odoo loluu wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture. Lola Calanqoo booda,
baruma 1887 keessa,
gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa
Ibraahim Haamid, mucaa xiqqaa ture.

Bara 1936, gaafa Ibraahim Haamid,
nafxanyoota hawaasa
Oromiyaa Bahaa sirna
gabrummaa hoonga hin qabneen araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture, Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa)
hoggaas dhalata. Ilmi
Haaji Ibraahim Haamid Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo, Jaarraa
Abbaa Gadaa, akka
Xaaliyaan biyya teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa,
Baadaa Kurfaa Callee,
Araddaa Waldaya
Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate.
Jaarraa Abbaa Gadaa,
daa’imummaa-rraa
kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis, nama naamusa cimaa
qabaachuun beekkame. Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan keessatti
dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii
gargaaruun, nama
joollummaan qoma
fudhatte. Lakkuma umriin ol siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa, qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan, rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka tahan adda bare.
Ummata ganamaa fii
galgala garaan isaa
mararfatuuf, kan jallina hiree mude, talisummaa fii khash-labbummaa odoo
hin-taane, sirna
gabrummaa taachaa fii inni jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus isaanirraa tokko tahuu hubate.
Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama malees,
qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa biyyuummaa
dhabanii, warra naannawa san jiran hundaan, namaa
gaditti laalamuu arkaa fii dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun
jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama isaa tiin, bakka deemu
hundatti maalummaa isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe. Mana barnootaa keessatti afaan isaa dubbachuun, aadaa
isaa agarsiisuun eenyu akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin qabne otobuusaan olii gad
daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan
ummanni balfee biraa
fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol
qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii godhate.
Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa lamadaa
lakkuma ol qaqqabachaa deemuun, anaannaanni
saba isaatiif qabu caalaa sammuu fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa
Gadaa, barnoota yaroo
sanitti biyya keessa-tti
kennamu rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree
gaarii nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine,
kanuma biyya keessaa
tiinuu, caasaa warraa
keessaan, hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf salphaa ture. Garuu, yaaddoon
dhibdee ummataa,
hegeree isaa caalaa,
sammuu fudhattee
barnoota waakkattee, lafa warri isaanii Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte.
Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf yaroo dheertuu irraa hin
fuune. Akkuma naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis,
lammii isaatiif
hadooduunn guyyuma
guyyaan sammuu
dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii
Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan onneen fudhachuu didaa
dhufte. Sammuun isaa
halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib, kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa Habashaa tiin loluuf
daggala Carcar mana
godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa
finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko habashoota dilana shororkeesse, laata kan jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti seene.

Maqaa fii durooma
warraa gubbaan
naamusaa fii soora
qabeenya isaa-tirraa,
shamarran shashaqachaa
bakkayutti jala sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni saba isaa qawween if jalatti
oggolchee, lubbuu fii
qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu, hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan
dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan biyya Liibiyaa faatti, loltuu
bilisummaa tahee lammii isaa gabrummaa jalaa
baasuu filate. Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee,
dardarummaan qabsoo hidhannoo tiif if qaadhimee,

“Boruuyyee boruuyyee
Boruu abbaa bariisooyyee
Galgala abbaa
galgalooyyee

Galgalli naan dubbatee
Boruun naan marihatee
Roorroo hamtuu agarraan Kan Oromoo saba kootii
Kiyya garaan hammatee
Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa qaban waliin daggala seenuuf,
jalqaba bara 1966a,
manaa bahe.

=====Itti Fufa=====

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa. Bookmark the permalink.

One Response to Seenaa Gabaabaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdulkarim Abraahim Haamid) Kutaa-1ffaa

  1. Baay’ee namatti tola yeroo san elamoo qilxuu hin jiru

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s