SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU Kutaa 2ffaa

Abdulbaasit(Saphaloo) Kadiir’iin

Kutaa 2ffaa

yeroo kana Gootichi
Ilma Oromoo Waaqoo
Guutuu murtii dukanaayaa Habashoon Ummata Oromootitti kenite kana diduun walgayii keessaa dhiitee yoo bayu Konolleni lamaan aariin ija itti baasuun “kootu
Eesa deemita“ jedhanii waamani.

Waaqoo Guutuu garuu
waatokko osoo hinsodaatin Ija isaanii
dura dhufee dhaabate.
Kone Zawudeen “ maaliif murtii mangistii fudhatee lafa tana irra hinkaane?” jedhee
lolaan gaafate.
Waaqoo Guutuulee
dalansumaan maaliif
ka’a? lsababaan lafa
tiyya irraa ka’uuf
maali? Lafa tiyya irraa
ka’ii eesa deema?
jedhee gaafii gaafiin
deebisee gaafate. Habashichis lafti tun tesanii mitti, wanti irraa kaatuufilee lafti isin kasaftee jirti. Lafti teesan Dhaddacha Warraabii achiti galaa jedheen.

Waaqoo Guutuulee
jechaa isaa kana ajaa’ibuun lafa tiyyatuu na kasasaa? Akaakoo Abaaboon irrati jiraanee arra geenyee ammaan dura maaliif nu hin kasasin? amoo isinuu wara laga gamaa nuttu dhufee abaa torbatti (7) fiixaa
teeyisan hin beeyine isii irraa nyaattanii nu
nyaataa jirtan isin hin
kasafinee maaliif nu
kasafitii?” jedheen. Eergamaan mootummaa kun akka
jaba dallanuun adaa
atii akka lafti tun nu
kassaftu yaada qabdaa? Amaaf san hin argatu murti siif keenname fudhate ni baata moo hin baatu? gaafi tana qoofaaf deebii naa keenni jedheen.

Waaqoo Guutuu
obsaan uf qabbaneessuun mee
murti san deebii sii
kennuun dura waan
tokko si gafadhaa na
deebis jedheen.
”Lafa Kurkurru jedhamtu ta karaan Makiinaa irra bahu tana argite beektaa? jedhee qubaan itti akkeekuun gafatee. Amartichiilee
‘Ee ni beekaa’ jedheen,
‘Kooba ykn Kuyyubiisaa
takka tan karaa san
keesstti baate yeroo
hunda Makiinaan irra
deemtaan diigdaan ta isiin ammoo halkaan maraa ijaaramtee bultu ta ganamaa maraa diiddan argitee
beettaa?’ jedhee gaafate. Amartichilee ‘Ee argee jira’ jedheen.
Waaqoo Guutuu,
“Koobuun sun ganama maraa ni diiggamti maalliif baduu diddee?”
jedheen, Amartichiis
‘akkamtii baddii baduu hin dandeettu malee! Makiinaan gubbaa irra qofa diigaa hiddi isii
lafa jala jira hiddaan
buqqisee hin danda’u
kanaaf hin badne’
jedheen.
Gootichillee dubbiin
karaa inni fedhu
dhufuu isiitiif jaboo
gammaddee, “Gaari’i
kan beekuun kee, waan gudda’a, akka wonti hiddi isaa lafa keessa jiru salphaatti hinbadne atuu beettee lafa ati
irraa ka’i, yoo didde
siballeessaa naan jettu tana Handhuura tiyyatu jalatti awwaalamee jiraa beeki, lafee abaaboo-akaakoo kiyyaatti keessatti awwaalamee jiraa
beeki, awwaala abbaa
kiyyaattu kunoo
armaan gama Bitaatta
jiraa beeki, kanaafuu
anillee ammaaf manaa siibayee, lagaa ammoo siif hinbayuu, tana beeka’aa jiraadhu.” jetdheenii yoo inni socho’u hiriyyichi isaa Abdullaahii Usmaan Guutuu, duukaa bu’e.
“Gabroomfattootni
ammoo ummatchaan
guyyaa (7) keessatti
akka gadi lakkiftanii
biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jetdhanii, gadi furan.

Jagnootni Diddaa murtii gabroomfattootaatiin
bayan Gannaalleen
gama cee’anii, Wolaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo
Abdii, Huseen Harcummaa Boruu,
Huseen Abdurrahmaan
Jaldoo, Roobaa
Hindukkoo, Taa’oo
Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddee tiin walqunnamuun, murtii gabroomfataan
ummata irratti dabarse kana dura
dhaabatchu’uuf
qawwee (4) qaban
irratti (3) dabalatanii
bitachu’uun lolaaf uf
qopheessan.
Haala kanaan diinaan
lola’aa humna cimsataa deemuun, Soomaalee irraas odeessa argatchuu jalqaban.

Waaqoo Guutuu: Kadiir Wariyoo tii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo
dhhaamsa waliin
biyyatti ol deebisee
gara biyya Somaalee
socho’e. “Ummata
keennaan wal ta’aa,
Amaara uf irraa
ittisa’aa, hafuura
keennallee nuhordofaa!” jetdhanii
Eela Baalantichaatti
addaan bobba’uun,
bakka bu’oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii
fi w.k.f-wajjiin
walqabatanii Bulahawoon
Sommaalee seenan.
Worri dhaamsaan
biyyatti ol-deebi’ellee,
Gannaale “Arba-
Gabbaa” bakka
jetdhamtutti ummata
walga’e kan
maanguddootni akka
Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi k.k.f
keessatti argaman
qunnamu’uun dhaamsa isaanii dabarfatin.
Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaale’ee Bulahawoo
irratti qunnamu’uun
yaada isaanii erga
hubatchiisaniin booda, Xayyaaraan
Moqadishoo geessu’uun, ajajaa
Foolisaa Motummaa
Soomaale’ee Kol. Umar Muhaammad H/
Masallaa simatee
quphachiisuun dhimma isaan deemaniin erga
irraa hubateen booda,
gara Jen. Daa’ud
Abdullee, M/ra ittisa
biyyaatti geesse.
Jeneraaltchillee
qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamta’aan adeemsisee, haala
ummata kanniinii erga hubateen booda,
Waaqoo Guutu’uu
addatti waamee,”
Mootummaan Habashaa.

=====Itti Fufaa====

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa and tagged , . Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s