SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU. kutaa 1ffaa

Abdulbaasix(Saphaloo) Kadiir’iin

Gootichi Oromoo
Jeneraal Waaqoo
Guutuu Usuu ,
Abbaa isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha isaanii Aaddee
Dhuulloo Alii Hasan
irraa bara 1924 Ona
madda- Wolaabuu lafa Oda jedhamutti
dhalatan.
Abbaan isaanii obbo Guutuun ilma dhiiraa (10) fi durba (9) wolumaa galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ujoollee (49) ka horan yoo ta’an , kaniin keesaa (15) lubbuun hin jiran. yeroo ammaa
abba dubartii (16) tii fi dhiira (18) wolumaa galatti abbaa ujoollee
(34) ti.
Generaal Waaqo
ijoolummaa isaanii
irraa jalqabanii
armi’aayaa, xiiqii fi
jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hinta’in Diddaa Gabrummaa tiif
faandhooftuu turan.
Bara 1938 ti osoo
abbaan isaanii
hinbeekin, fuudhanii
mana osoo hin bayin
gabayanii horii abbaa
isaaniitiif obbolleesa
hangafaa gurguratanii
qawwee bitatan. Sammuun isaanii roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta’iniif ijoollee
daraboo/hiriyyoota
isaanii gurmmeessuun
akkasumas gorsu’uun
Foolisii mootummaa
tumaa turan.

Bara 1943 obbo
Muhaammad Gadaa
Qaalluu fakkeenna
godhachuun Diddaa
Gabrummaatti seenan.
Bara 1952 akka nama
miskiina tokkoo ta’anii uffata Foolisaa nama dhaloota Gosa Raayituu Alii jiloo ka maqaan kirsitaana Shaalaqaa Isayaasi jedhanii mogaafatan
kadhachuun erga ini
keneefii booda, isuma
uffachuun magaalaa
seenanii , kitilaayyota
Habashaa sodaachisaa
turan. Iccitii dhan
gartuulee diinaa irrati
tarkaanfii ciccimaa
fudhataa turan, bara
1958 Foolisii lama (2)
ajjeesan. Baruma kana
keessa Foolisoota erga ajjeesaniin booda, gootichi, akkuma tasaa
magaalaa Nageelleetti
wol argan. yoo kana ,
“E-eesa badee?, Atoo
Waaqoo !!! “ jedhee
gaafata. yoo tana malli qaruutummaa dafee dhufeef. ”Looniin godaanee gammoojjii ture, Damma adii ati
jaalttu ka nagaafate
kaan siif arge, horii
ittiin bitu dhabee fidi”
jedheen. Shaalaqaan
baay’ee gamaddee ,”xuruu xuruu” Qaaqoo koo!”
jedhee Qarshii 200 itti
kenna. garaa keessa itti kolfaa kiisa kaayatanii birraa deemanii yeroo
san rasaasa zinnaara
dachaa lamaatiti
guutatee biraa deeme” jetdha.
Ammas baatii tokkoon booda Nageelematti
futi wolitti jedhanii .
Nagayyumalee utuu
hin gaafatin “maali si
barbaadaa mitii,
damma kee bitee lafa
jiraa , horii kiraa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee “ jedheenii Qarshii 20 amalee irraa fudhate tooftaa kana fakaatu
hedu gargaaramanii
diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibaan,
gidiraafi ajeechaan
mootummaa Habashaa ummata isaanii irratti
hammataa dhufnaaf
kkf ijoollee gana (10)
gadii imaa Helgool
Waaqoo. Abdallaa
guutuu , Alii Jiloo,
Yisaaq Suudee
Goobana, Muhaamad
Butaa Aagaatiif alii
Buttaa Aagaa kkf
dhibboota ajjeefaman
keessaa haga tokko
yoo ta’an , tarkaanfii
Mootummaa Aabashaa kana hifachuun ummatin bulchitoota naannooo ka Habashaati iyyate.
yeroo kana , dubbii
kana nugusicha gayee.
Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa taganiif namin jedhamuuf ajajaa woraanaa kutaa Sidaamoo yeroo sanii
koloneel Zawudee
Xilahun gadi dhufanii
Ummata Oromoo
naanoo Nageelee
Booranaa jiru mooraa woraantitti wolit qabuun Rakkoon
keesan maali jedhanii
gaafatan. yoo tana
Ummani woliti qaban
hundi rakkoon teena
isini:- Biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, Qabeena keena saamitanii kaan
barbadeesaa jirtan,
namoon isin uf jalati
qabatanii nuun
ajjeeftaniif nuun
saamtan maaliin nuun
adda jiran? Nuuf isaan
Obboleeyaanii maaliif
adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa teena irraa nuu ka’aa” jedhaniin.

Aangawichi mootummaa kunis yoo dhumaatiif saamicha jalaa bayuu barbaadan lafa tana gadi dhiisaa gama lafa teesaniit galaa. Lafti tun teesanii
mitii isin kasafitee jirtee lafti teesan Dhaddacha Warraabiif achii gadii deemaa itti galaa jedheen .yoo ka’uu didan du’aafi saamichi isin irraa hin hafu amoo huminaanuu hinkaatanii beekadhaa” jedheen.
Dhaddachi Warraabi
Magaalaa Dooloo tan
Daangaa Toophiiyaafi
Sumaalee irraa KM 70
gadi fagaati. Ummani
nuti lafti teena tanaa
gadi dhiifnee Biyya
ambaatti wonti galuufi hinjiruu jedhanii ittii iyyinaan “Maal akka Shimbira ganamaa wol jalaa Ciwu Ciwu”jetu
jedhee R/T waraana
banachoon humna itti
waamate. Ummanilee
garjabummaa diinaa
kana waan beekuufi
hayee, akka jetanuu
haa ta’uu ni kaanaa
guyyaa baalamaa nuu
kenaa jedhaniin.

===Itti Fufa===

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Gootaa goototaa, Seenaa and tagged , . Bookmark the permalink.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s