SEENAA GABAABA.. Dr.Shek. Mohammedrashad Abdullee. Sheeka,Hayyuu Yoommillee hin irraanfannee. ===kutaa Xumura===

Hujiin dinqifamaan
Sheekhaa kan sagantaa raadiyoonaatti aanu,
qubee afaan Oromoo ti. Sheekni hayyoota afaan Soomaalee tiif qubee moggaasan keessa tokko.
Gaafa karoora san fiixa baasaa ture, hawwii fii manaamni isaa sagantaa san keessaan afaan isaa
guddisuu dha. Hawwii isaa kana, bara 1973, kitaaba Furaa afaan Oromoo ja’u harfii Laatiniin barreessee
maxxansuun hujiirra
oolche. Haatahu malee, akkuma gaafa sagantaa raadiyoonaatti, ammaas, warra maqaa kana dura
dhaabbataniin hujiin isaa balaaleeffatamee, maqaan kitaabicha, Furaa Afaan Abbootti akka geeddaramu godhame. Garuu, bu’urri inni gaafas
afaanichaaf lafa kaaye, sab-boonota booda ka’aniin fudhatamee,
qubeen Laatiin afaan
Oromoo tiin wal simatan. Yo if duuba deebi’amee laalame, wanni inni gaafas
godhe, guddina Afaan
Oromoo tiif asaasa cimaa tahe.

Sheek Mahammad
Rasdhaad, bara 1965 irraa hamma 1984 raadiyoona Soomaalee keessaan
amantii fii seenaa odoo barsiisuu, haala amantiin Islaamaa naannoo Gaafa
Afrikaa itti seente akka qoratuuf jilaa waliin karaa
biyya alaa ergame.
Qormaata kanaaf biyya Yaman, Iraaq, Kuweetii fii
Su`uudii dhaqe. Akka
dalagaa ergameef
rawwateen Sheekni
Maqdisho`otti deebi’uu irraa oolee, biyya Su`uudii
qubachuun kitaabbaan afaan Oromootti
barreessuu fii kan Arabaa-rraa kan Oromo`ootti
garagalchuu hujii godhate.

Sheekh Mohammed
Rashaad, barreessuu fii afaan Arabaarraa
garagalchuu jidduu,
kitaabban 23 afaan
Oromoo tiifii sabaaf
gumaache. Isaan malees, hiikkaa hadiisa afurtamaa
kan Nawaawii afaan
Oromootti garagalche.
Sheekni, kitaabbaan
amantii malees, Tooftaa Riphee Loltuu, Seenaa gaafa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Taarika Aammad
Giraanyi, Qubee afaan
Oromoo tii fii Akkaataa Qubeen Afaan Oromoo itti
kaayaman nama barsiisan nama barreesse.

Hujiin guddoon Sheekh Mahammad Rashaad ittiin
beekkame Qur’aana Afaan Oromootti hiikuu dha.
Qur’aana afaan tokkoon hiikuun hujii haalaan guddoo ti. Warri waan akkanaa godhu, dandeeytii malees, warra
tin’isa diinaggee fii
hamilee tan mootummaa
ykn garee if duubaa
abdatu. Sheekh
Mahammad Rashaad
garuu, gargaarsa malee, kophaa isaa hujii guddoo tana nama hojjate. Gaafa
hujii baroota meeqaantam
irratti dhama’e maxxasuuf dhiheesse, kan mudate, galatoomii odoo hin
taane, dura dhaabbii dha.
Warri dura dhaabbataniis alagaa ykn Araboota odoo
in tahin Oromoota. Jara san maqaa dhawuunilleen
barbaachisu baatu seenaaf galmeeffachuun dirqama sabaa ti. Sababni jarri
dhiheesse tokko afaan
kuni qur’aana ittiin hiikuuf gayaa miti kan ja’u.
Sheekh Mahammad garuu, qabsoo godheen jara irra
aanee, hiikkaan isaa
sagaleen kaasetatti
waraabamee, ummata isaatiif tola akka hiramu godhe. Akkuma kaaseenni
hujiirra ooleen, hiikkaa barruun basuuf irratti hojjachuu jalqabe. Duuba, kanaas gaafa xumure, akkuma kan sagaleetti, warrummaan Sheekkotii Oromoo ti ifiin ja’an dura
dhaabbatan. Haa tahu
malee, Sheekni akkuma kan sagaleetti, dura
dhaabbii barruutiis
injifatee, akka maxxanfamee saba harka seenu godhe. Sheekni kan kana hunda godheef,
maqaa ittiin argachuuf odoo hin taane, lammii isaa irraa wararrii
wallaalaa dhabamsiisuu fi.
Sheekni waan afaanii fii aadaan tahan nama
ganamaan akkaan hubate.
Kanaaf, Afaan Oromoo
afaan waan hunda ittiin hojjatamu tahuu
mirkaneessuuf waggaa shantam caalaa ijibbaata
adda hin citin godhe.

Jaalalti Sheekni guddina afaan isaatiif qabu himanaa oli. Jaalala isaa kana walaloo isaa keessati
akkanatti ibse.

Yaa Afaan Oromoo Rabbii si guddisee,
Nama siin dubbatu sumaaf heddummeesse,

Adunyaan si beekaa
anilleen si wallaaluu,
Karaa keetiin malee nu alaa hin gallu,

Ormi adunyaa dhaa yoo dubbii kee kaase
Afaan muuziqaa dhaa je’ee ti si faarse

Yaa afaan Oromoo yaa kan zalaalamii
Kan sii je’ee du’e
hammamii hammamii

Mee akkamiin si gannaa nuti siin mul’annaa
Odoo ati baddee
matumaan dhabamnaa,

Karaa kan kee kanaan
harka tokko taanaa
Sumaan gurgurannee wal irraa bitannaa
Yo nu karaa banne siin karaatti deebinaa
Yoo nu dhukkubsanne
sumaan wal gaafannaa
Yaa Afaan Oromoo mee akkamiin si gannaa,
Salaamtaa jaalalaa siin walii erginaa
Yaa Afaan Oromoo yaa
haadha guddinaa
Har’aa fi borullee nuti siin mul’anna

Gooytaan haa guddisu
warra si mul’isuu
Dachee haa seensisuu
warra si saph’lisu
Namni si saph’lise
rakkatuuf jiraataa
Gaafa tasaa geessee biiluu tee irraa baata.

Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad
Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo,
Soomaalee fii Arabaati.
Amantii malees, Falsafaa,
taligaa haala namaa,
heera taliga`aa, Ilminnafsi,
Joograafii fii barnoota
miya lolaa irratis kitaboota heddu barresse.

Xumure.. website http://www.rashad.org dubbisa

About Saphaloo Kadiir

Barreessaa walaloofi asoosamaa afaan oromooti. hawwiin kiyya hogbarruu afaan oromoo guddisuu dha. Hanga ammaa kitaaboota kuusa walaloo lamaa fi asoosama sadi kan barreessee yoon tahuu garuu hanga ammaa maxxansee mil'uu ummata kootiitin dhaqqabuu hin dandeenye. tahuus garuu yeroo gabaabatti ummata kiyya biraan gahuuf of duuba hin deebi'u.
This entry was posted in Afaan oromoo, Asoosama and tagged , . Bookmark the permalink.

One Response to SEENAA GABAABA.. Dr.Shek. Mohammedrashad Abdullee. Sheeka,Hayyuu Yoommillee hin irraanfannee. ===kutaa Xumura===

  1. jemal says:

    Good luck Motuma mahadi

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s